Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi dhaabbilee 42 naga’ee sobaa raabsuun waliin dhahaa turan adda baasuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC)- Ministeerri Galiiwwanii dhaabbilee 42 naga’ee sobaa raabsuun waliin dhahaa turan adda baasuu beeksisee.

Ministeerichi dhaabbilee kunneen baatiwwan 7 darban kessaatti naga’ee sobaatin waliin dhahaa akka turaanii fi qorannoo adda ba’uusaanii ibseera.

Dhaabbilee seeraan alaa tarreefaman keessaa qaamoleen bittaa raawwataan odiitii akka taasifamaan ibsuun, dhaabbileen kunneen yeroo itti aanuutti dhaabbilee tarreeffamaan bittaa akka hin raawwanne ergaan darbeera.

Gochi dhaabbilee kunneeni galii biyyattin argachuu qabdu dhabsiisuurra darbee sirna daldalaa burjaajeessuun daldaltoota seeraa qabeessaa ta’aan gabaa alaa akka taasisuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.