Abbaaf ilma biyyoota garaagaraa bakka bu’uun Waancaa Addunyaarratti hirmaatan
Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Luukaa Zidaan Aljeeriyaa bakka bu’uun waancaa Addunyaa 2026 biyyoonni Kaaba Ameerikaa waloon qopheessanirratti ni hirmaata.
Abbaan isaa Ziinaddiin Zidaan ammoo kana dura Garee Kubbaa Miilaa Faransaay bakka bu’uun waancaa addunyaarratti hirmaataa tureera.
Tapha Faransaay jalqabaaf Shaampiyoonaa taate kan bara 1998 irratti taphataa cimaa ga’umsa addaa mul’ise yoo ta’u, bara 2006 ammoo gareen isaa xumuraaf gahee ture.
Ilmi Zidaan Luukaa Zidaan ammoo biyya akaakayyuu isaa Aljeeriyaaf taphachuu filateera.
Waancaa Addunyaa 2026 biyyoonni Kaaba Ameerikaa waloon qopheessan kanarratti karra eegaa Jeeddaloota Gammoojii (GareeKubbaa Miilaa Biyyaalessa Aljeeriyaa) bakka bu’uun ni taphata.
Mubaarak Fantaawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia