Fana: At a Speed of Life!

Ajandaalee waliigaltee biyyaalessaa uumuu danda’anirratti daangaa malee mari’achaa jirra –Mari’attoota

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC) – Ajandaalee waliigaltee biyyaalessaa uumuu danda’anirratti daangaa malee mari’achaa jirra jedhan hirmaattoonni Yaa’ii Maree Biyyaalessaa.

Yaa’iin Maree Biyyaalesaa Adoolessa 8, 2018 Giddugala Konveeshinii Idil Addunyaa Addisitti eegalamuun kan yaadatamuudha.

Bilisummaa fi walqixxummaan akkaataa hirmaachisaa ta’een mari’achaa jiraachuu mari’attoonni marichaa ibsaniiru.

Yaadoota biyya ijaaraan, cimsanii fi waliigaltee biyyaalessaa uumuu danda’anirratti daangaa malee bilisaan mari’achaa jiraachuu isaanii dubbatan.

Tokkoon tokkoo hirmaattootaa sagalee isaaniif gatii olaanaa kennuun dhimmoota waliigaltee waaraa uumuu danda’anirratti mari’achaa jiraachuu namoonni ENA’f yaada kennan ibsaniiru.

Waltajjichi Itiyoophiyaa cimtuu ijaaruuf dandeessisu, bu’ura cimaa kaa’uun biyyattii gara nageenya waaraatti ceesisu akka ta’e abdii qabaachuu dubbatan.

Furmaata biyya fayyadu qopheessaa jiraachuu kaasuun, marichi walamantaa fi walummaa cimsaa jiraachuu eeran.

Adeemsi yaa’ichaa ummattoota gidduutti jaalala, tokkummaa fi obbolummaa cimsuun Itiyoophiyaaf nageenya waaraa fidaan kan amanan ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.