Alaabaa; Ibsituu Tokkummaa Sabdaneessummaa Itiyoophiyaanootaa
Finfinnee, Onkololeessa 2, 2019 (FMC)- Alaabaan Itiyoophiyaa biyyattiif hiika guddaa qaba.
Halluuwwan magariisa, keelloo fi diimaan faayyeffamee baroota keessatti mallattoo biyyattii ta’uun addunyaatti mul’isaa jira.
Halluuwwan kunneen qabsoo birmadummaa, eenyummaa biyyaalessaa fi seenaa ummatootta Itiyoophiyaa keessatti bakka olaanaa qabu.
Seenaa weerartoota dura dhaabbachuu fi birmadummaa ishee tikfachuun kan beekamtu Itiyoophiyaaf faajjii gootummaa fi birmaddummaa ishee ti.
Keessumaa injifannoon Adwaan weerartoota injifattee biyyoota Afrikaa keessaa biyya walabaa fi gootaa ta’uu addunyaaf kan mirkaneessite Itiyoophiyaaf , Alaabaan mallattoo gootummaa ta’ee addumyaa irratti ishee beeksiseera.
Dhaloota birattis mallattoo ofitti amanamummaa, gootummaa , birmadummaa fi eenyummaa biyyaalessaa ta’ee itti fufa.
Sirnoota adda addaa addaa keessatti mallattoowwan halluuwwan bu’uuraa irratti dabalamaniin garaagarummaa fi hiini garaa garaa jiraatus, mallattoo birmadummaa biyyaalessaa fi tokkummaa uummataa ta’uun isaa garuu yeroo kamittuu eegamee itti fufeera.
Lammiileen Itiyoophiyaa garaagarummaa afaanii, aadaa fi amantii qaban Alaabaan Itiyoophiyaa jalatti eenyummaa waloo biyyaalessaa isaanii eeggatanii, seenaa fi gootummaa isaanii yaadachaa, seenaa wareegamaa fi qabsoo bilisummaa dhaloota dhalootaa dhalootatti ittii dabarfatu; dhaloota haaraa keessatti miira jaalala biyyaa ittiin dhaabu.
Mallattoo eenyummaa biyyattii kan ta’e alaabaan kabaja maluuf akka argatuufis seeraa fi heeraan eegumsi godhameeraaf.
Heera Mootummaa RDFI keewata 3 fi seerota biroo kanaan walqabatan keessatti maalummaa, hiiknii fi eegumsi alaabaaf godhamuu qabu ifatti kaa’amaniiru.
Dhaloonni haaraanis alaabaa kabajee seenaa isaa akka baratu, hiika halluuwwan isaa akka hubatuu fi akka kabajuuf sirna barnootaa dabalatee sirnoota add addaan akka baratuuf hojjetamaa jira.
Guyyaan alaabaa biyyaalessaa waggaa waggaan kabajamu fi har’a yeroo 19ffaaf kabajamee ooles qaama hojii kanaa ti.
Ministirri Muuumee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyicha sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, Alaabaan keenya seenessa waloo, birmadummaa fi garaagartee keessatti dandeettii waloon dhaabbachuu keenyaa kan mul’isu mallattoo tokkummaa biyyaaleessaa ti jechuun ibsaniiru.
Abbootiin qormaatileen qoqqoodamuurra alaabaa jalatti tokkummaa isaanii cimsanii nutti agarsiisaniiru jechuun yaadachiisan..
Pireezidaantiin FDRI Taayye Atsiqasillaaseen gamasaaniin, Alaabaan mallattoo wareegama, bilisummaa, birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa, ragaa walqixxummaa uummattootaafi walooma keenyaati jechuun ergaa dabarsaniiru.
Guyyichi Mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Mooraa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa, dhaabbiilee Mootummaa, Seektaaraalee Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, Manneen Barnootaa fi bakkewwan garaagaraarratti sagantaa adda addaan kabajameera.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa