Fana: At a Speed of Life!

Alaabaan ergama kabachiisa nageenyaa keessatti walitti hidhamiinsa cimaa qaba- Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019(FMC)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa guyyaa Alaabaa 19ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Dhaabbatichi ergaa isaan, Alaabaafi raayyaan poolisii hariiroo cimaa qabaachuu ibseera.

Kaayyoo faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuu mootummaafi uummanni qabatan dhugoomsuuf hoggantoonniifi miseensonni raayyichaa itti gaafatamummaa itti kenname sadarkaa olaanaan raawwachuu kan danda’an bu’uura waadaa Alaabaa jalatti seenaniin hojjechuun ta’uu eereera.

Alaabaan ergama kabachiisa nageenyaafi dirree waraanaatti raayyicha waliin hidhata cimaa qabaachuu ibsuun, raayyichi eenyummaa isaa mirkaneessuuf gateettii isaarratti Asxaa biyyasaa kan ta’e Alaabaa maxxanfateera jedhe.

Kunis kabaja biyyaafi Alaabaaf akka qabsaa’u fi wareegama akka kaffalu kan agarsiisu ta’uu ibseera.

Itiyoophiyaanonni yeroo addunyaan hin qaroomnetti diina goraadeen wayita injifatan Alaabaa isaanii olkaasuun jaalala biyya isaaniif qaban ibsaa akka turan yaadachiiseera.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.