Ameerikaafi Iraan waraana dhaabuuf har’a waliigaltee mallatteessu- Doonaald Tiraamp
Finfinnee, Waxabajjii 7, 2018(FMC)- Ameerikaafi Iraan waraana dhaabuuf guyyaa har’a waliigaltee ni mallatteessu jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp.
Waliigaltichi erga mallatteeffameen booda ulaan Hoormuuz hundaaf banaa ta’a jechuu isaanii BBC’n gabaaseera.
Iraan guyyaa waliigaltichi mallatteeffamu irratti yaada kennuu baattus guyyoota muraasa keessatti akka mallatteeffamu beeksisteetti.
Ameerikaaafi Iraaniin mariisisaa kan jiran Ministirri Muummee Paakistaan Shaariif guyyaa kaleessaa waliigalteen nageenyaa waraanicha dhaabsisuu dandeessisu saa’aatii 24 keessatti ni mallatteeffama jechuun isaanii kan yaadatamudha.
Birhaanuu Abarraan.
#Oromia #Ethiopia