Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Iraan irratti haleellaa cimaa raawwatte- Doonaald Tiraamp

Finfinnee, Adoolessa 13, 2018(FMC)- Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ameerikaan kaleessa galgala Iraan irratti haleellaa cimaa raawwachuu dubbatan.

Tarkaanfiin Iraan irratti fudhatame loltoota Ameerikaa sadii haleellaa Iraaniin ajjeefamaniif deebii kennuuf ta’uun ibsameera.

Haleellaan Iraan irratti fudhatamu cimee akka itti fufuuf Pireezidaanti Doonaald Tiraamp ajaja dabarsuunis eerameera.

Akka Doonaald Tiraamp jedhanitti haleellaa Iraan Yoordaanositti raawwatteen loltoonni Ameerikaa 2, haleellaa Iraaqitti raawwatameen ammoo loltuun tokko ajjeefamaniiru.

Haleellaa Ameerikaan guyyaa har’aa Iraan irratti raawwatteenis iddoowwan hedduutti dhohiinsi kan dhagahame yoo ta’u, sababa Kanaan hojiileen cufamuu fi hojjettoonni hojii akka hin seenne dhorkamuu BBC’n gabaaseera.

Ameerikaan haleellaa Iraan dooniiwwan karaa ulaa Hoormuuz darban irratti raawwattu dhaabsisuuf buufataalee waraanaafi dhaabbilee miidiyaalee irratti qiyyeeffachuun haleelaa jirti.

Haleellaa raawwatamaa jiru ilaalchisee miidiyaan Iraan Taasniim akka gabaasetti, Taabriiz, Chaabaahaar, Koonaaraak, Baandaar Maahiishaahiir fi Baandaar Iimaam dabalatee magaalota Iraan garaagaraarratti haleellaan raawwatameera.

Hanga haleellaan Ameerikaa hin dhaabbannetti boba’aan karaa ulaa Hoormuuz darbuu akka hin dandeenye eegduun warraaqsaa Iraan akeekkachiiseera.

Immabeet Siisayiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.