Fana: At a Speed of Life!

Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa sagantaa beekamtii idil-addunyaa argate

Jabana jijjiiramni qabeenya qilleensaa, gammoojjummaa fi mancaatiin qabeenya uumamaa guutuu addunyaatti yaaddoo guddaa ta’anii jiranitti sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa sosochii uummataa ta’eera.

Bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin kan eegalame sosochiin uummataa guddaan kun duula dhaabbii biqiltuurra darbee lammiilee miiliyoonatti lakkaa’aman hirmaachisuun uwwisa bosonaa biyyattii sadarkaa olaanaan guddisuu danda’eera.

Milkaa’inni kun biyya keessatti qofa osoo hin taane waltajjii idil-addunyaa irratti beekamtiifi badhaasa argamsiiseera.

Hojiilee misooma bosonaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa sagantaa ashaaraa magariisaan hojjetamaniin Itiyoophiyaan Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii irraa beekamtiifi badhaasa argatteetti.

Badhaasni kun guddina saffisiisaa uwwisa bosonaan, sosochii uummataan moodela ta’uu isheef, wabii nyaataafi milkaa’ina diinagdeen akkasumas dippiloomaasii magariisaa naannawaan milkaa’ina galmeessisteef kan kennameefidha.

Biqiltuuwwan sagantichaan dhaabaman waggoottan muraasa keessatti lalisuun uwwisa bosonaa waliigalaa biyyattii gara boqonnaa olaanaatti ceesisaniiru.

Lammiileen miiliyoonatti lakkaa’aman garaagarummaa tokko malee sa’aatiifi guyyaa walfakkaataatti bahuun hirmaannaan mul’isan fakkeenya tokkummaa fi kutannoo uummataa hawaasni idil-addunyaa mancaatii qabeenya uumamaa ittisuuf itti fayyadamuu danda’udha.

Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan bosonaa dabalataan biqiltuuwwan fuduraaleefi nyaata beelladaa dhaabamuun qonnaan bultootaaf galii dabalataa uumuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahateera.

Itiyoophiyaan Jibuutii, Keeniyaa, Soomaaliyaafi Sudaan Kibbaaf biqiltuuwwan kennuun dippiloomaasii magariisaa keessatti gahee ishee bahatteetti.

Beekamtiin idil-addunyaa sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaaf kenname kutannoo biyyattiin eegumsa naannoo, jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuufi misooma waaraaf qabdu kan agarsiisudha.

Injifannoon kun bu’aa tumsaafi tattaaffii Itiyoophiyaanota maraa yoo ta’u, imala seena qabeessa dhaloota egereef biyya qulqulluu, magariisaafi fooyyofte dabarsuuf taasifamu kan cimsudha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.