Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota seenaa injifannoo haaromse…

Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Dorgommii Atileetiksiin biyyoota addunyaarratti eeraman keessaa Itiyoophiyaan ishee jalqabaati.

Itileetoonni Itiyoophiyaa waltajjiiwwan idil addunyaarratti alabaa Itiyoophiyaa mirmirsuun agarsiisaniiru.

Atileet Abbabee Biqilaa, Waamii Birraatuu, Faaxumaa Roobaa, Geexee Waamii, Hayilee Gabrasillaasee, Daraartuu Tulluu, Qananiisaa Baqqalaa, Xirunesh Dibaabaa dabalatee hedduun isaanii maqaa Itiyoophiyaa waamsisuun seenaa addaa kan hojjetaniidha.

Atileetoonni kunneen maqaa Itiyoophiyaa hawaasa addunyaa biratti ijaaraniiru.

Seenaan kun har’as Seneegaal Daakaaritti irra deebiin haaromeera.

Olompikii Dargaggootaa Addunyaa 4ffaa Seneegaal Daakaaritti gaggeeffameen Atileetoonni Itiyoophiyaa meedaaliyaawwan Warqee 5 fi Meetii 3 injifachuun damee Atileetiksiin addunyaarraa sadarkaa 1ffaan xumuraniiru.

Atileeti Yoomiif Abbabaan meetira 800,Atileet Natsaannat Salamoon meetira 800, Atileet Junaddiin Abdoon meetira kuma , Atileet Wabii Sablaggaa Wajiraa meetira kuma 1 fi 500 Atileet Eelsaabeet Amaaraan meetira kuma 1 fi 500 meedaaliyaa Warqee injifataniiru.

Akkasuma Atileet Tsaadiqaan Makonniin gufachiisa meetira kuma 2, Atileet Gooyitooma Makonnoon gufachiisa meetira kuma 3 fi Atilee Yoordaanoos Tsaggaa’ab meetira kuma 3 meedaaliyaa Meetii argamsiisaniiru.

Dorgommii waliigalaan sadarkaa 8ffaan xumuraniiru.

Injifannoon kun Seenaa dorgommiirra darbee Atileetoota guddattotaaf hamilee dabalataa ta’eera.

Dorgommii itti aanuuf bu’uura cimaa kaa’eera.

Mootummaan Ida’amuu pirojektoota bu’uuraalee misoomaa gurguddoo hojjetu keessatti, babal’ina bu’uuraalee misoomaa ispoortii irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuudhaan, kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti iddoowwan ispoortiin itti shaakalaman heddu ijaaruun, bu’a qabeessummaa damee kanaa keessatti gahee isaa bahachaa jira.

Injifannoon Daakaaritti galmaa’e milkaa’ina har’aa qofa osoo hin taane, olka’iinsa egeree ispoortii Itiyoophiyaaf abdii guddaa waan ta’eef, bu’aa kana itti fufsiisuuf tumsi mootummaa, dhaabbilee ispoortii, leenjistootaa, maatiiwwanii fi hawaasaa murteessaa dha.

Injifannoon Daakaar, Itiyoophiyaan maqaa fi beekamtii atileetiksii irratti qabdu kan haaresse, dandeettii fi gahumsa dhaloota haaraa fayyadamuun gara sadarkaa caalutti ol guddisuuf karaa haaraa kan baneedha.

Siifan Magarsaa fi Mihiraat Damisseetiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.