Fana: At a Speed of Life!

Atleetiko Maadrid fi Arsenaal – Tapha Guddaa Eegamu

Finfinnee, Ebla 21, 2018 (FMC)- Taphni walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa galgala har’aa itti fufee gaggeeffama.

Sa’aatii 4:00 irratti Atleetiko Maadrid istaadiyeemii Riyaad Eer Meetiroopolitaanitti kilaba Ingilaand Arsenaal keessummeessa.

Taphni galgala har’aa kilaboota seenaa isaanii keessatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa hininjifanne lama gidduutti gaggeeffama.

Gareen leenjisaa Diyaagoo Simooniin durasamu Atileetikoo Maadriid, qabxii waliigalaatiin kilaba Ispeen Baarseloonaa injifachuun walakkaa xumuraaf ga’uun isaa ni yaadatama.

Tapha galgala har’aatiin taphataan sarara fuulduraa lammii Arjantiinaa Yuuliyaan Alvaarez kan bara taphaa kanatti galchiiwwan 9 Atileetikoo Maadriidiif galche ni eegama.

Akka tilmaama Optaatti, Arsaanaal waancaa kana injifachuuf garee carraa duraa qabuudha.

Bara 2006 tapha xumuraatiin Baarseloonaan injifatamee waancaa dhabuun isaa ni yaadatama.

Bara darbes Riyaal Maadrid injifachuun hanga walakkaa xumuraatti kan deeman ta’us, PSG-n injifatamuun xumuraaf osoo hin ga’in hafaniiru.

Gareewwan lamaan taphawwan shanan walitti aansuun waliin taphatan keessaa Arsenaal yeroo 2, Atleetiko Maadrid ammoo yeroo 1 yoo wal injifatan, taphawwan 2 qixa ba’aniiru.

Wandimaaganyi Tsaggaayeetiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.