Baankiin Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa Itoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf walii gale
Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Baankiin Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa damee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti Itoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf walii galeera.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Pirezidaantii Baankii Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa Zuu Jiyaayii waliin haala damee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti waliin hojjechuun danda’amu ilaalchisee mari’ataniiru.
Keessumaa, hirmaannaa baankichi Pirojektii Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu keessatti qabaachuu danda’u, akkasumas kallattiiwwan tumsaa biroo ilaalchisee mari’ataniiru.
Dabalataanis, baankichi Itoophiyaa waliin tumsa pirojektoota anniisaa fi jijjiirama qilleensaa keessatti qabu cimsuu, akkasumas haala Itoophiyaan dhiyeessii maallaqaa madaalawaa itiin argachuu dandeessu ilaalchisee mari’ataniiru.
Yeroo kanatti Obbo Ahimad Shideen fooyya’iinsa diinagdee gooroo Itoophiyaa keessatti taasifamaa jiru, adeemsa hojiirra oolmaa fooyya’iinsichaa, akkasumas gumaacha pirojektoonni gurguddoon mootummaan ijaaree xumure diinagdee biyyattiif taasisaa jiran ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Pirezidaantiin Baankii Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa Zuu Jiyaayii gama isaaniin, Itoophiyaan naannawichaa misooma anniisaatiin walitti hidhuuf tattaaffii fi gahee hoggansaa taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.
Baankiin Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa bu’uuraalee misoomaa Itoophiyaa keessatti ijaaramaniif deeggarsa maallaqaa kennuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.
Dhumarrattis, hariiroo Itoophiyaan Baankii Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa waliin qabdu cimsuu fi pirojektoota bu’uuraalee misoomaa irratti tumsaan hojjechuuf walii galuu odeeffannoon Ministeera Maallaqaa irraa argame ni mul’isa
#Oromia #Ethiopia