Baankiin Oromiyaa appilikeeshinii dijitaalaa ‘Abbaa Fardaa Reemit’ jedhamu ifoomse
Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC) – Baankiin Oromiyaa Tajaajila Faayinaansii Diijitaalaa Kaachaa jedhamu waliin ta’uun appilikeeshinii dijitaalaa hawalaa Abbaa Fardaa jedhamu ifoomseera.
Lammiileen biyya alaa jiraatan maallaqa gara biyyaa erguuf Abbaa Fardaa Reemiiti buufachuun fayyadamuu akka danda’an eerameera.
Dabalataan appilikeeshinichi tajaajila kaffaltii barnootaa, yaala fayyaa fi mana jireenyaa kaffaluuf oola jedhame.
Abrahaam Abarraatiin
#Oromia #Ethiopia