Fana: At a Speed of Life!

Baatii kana keessa Finfinneetti dorgommiiwwan Ispoortii idil-addunyaa sadii ni gaggeeffamu

Finfinnee, Ebla 8, 2018 (FMC) – Baatii Ebla keessa Finfinneetti dorgommiiwwan Ispoortii idil-addunyaa sadii ni gaggeeffamu.

Taateewwan Ispoortii idil-addunyaa baatii kana keessa magaalichatti gaggeeffaman keessaa dorgommiin Atileetiksii guyyaa tokkoo ‘Addis Ababa Giraandi Pirii’ isa tokko.

Dorgommichi magaalaa Finfinneetti yeroo jalqabaaf kan dorgomamu yoo ta’u Atileetonni sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qaban irratti ni hirmaatu.

Dorgommichi Ebla 10, 2018 Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffama.
Dabalataanis dorgommiin biskileetii idil-addunyaa ‘Siitii Maawunteen Baayik Iliimineetar’ fi ‘Giraandi Itiyoophiyaan Raan’ baatii kana keessa magaalichatti ni gaggeeffamu.

Bulchiinsi magaalichaa dorgommiwwan kanneen milkeessuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin qophii taasisaa jiraachuufi hojiileen bu’uuraalee misoomaa Ispoortii Itiyoophiyaa beeksisan hojjetamaa jiraachuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.