Fana: At a Speed of Life!

Boordichi Abbootii Qabeenyaa kuma sadii oliif lafa invastimantii Heektaara kuma 14 ol kennuuf murteesse

Finfinnee, Ebla 5, 2018(FMC) – Boordiin Invastimantii Oromiyaa abbootii qabeenyaa haaraa kuma 3 fi 156 kaappitaala birrii biliyoona 49 ol galmeessisaniif lafa invastimantii Heektara kuma 14 fi 142 murteessuufii Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa beeksise.

Akka ibsa biirichaatti abbootiin qabeenyaa kunniin humna guutuun gara hojiitti yeroo galan namoota kuma100 fi kuma 68 oliif carraa hojii uumuu kan danda’anii dha.

Abbootiin qabeenyaa kunniin abbootii qabeenyaa biyya keessaa, biyya alaa, qonnaan bultoota adda duree, waldaalee IMX fi waldaalee hojii gamtaa kaappitaala horatanii gara Invastimantiitti ce’aniidha.
 
Hoogganaan biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo kamiiyyuu caalaa  invastimantii babal’isuuf hojjetaa jira.

Kanaafis humna invastimantii naannichi qabu adda baasuun misooma invastimantiif akka oolu gochaa jiraachuu, Zoonii Diinagdee addaa Gadaa eegalchiisuu, akkasumas magaalota Oromiyaa haala Invastimantii ittiin guddachuu danda’aniin caasessee pilaaniiwwannisaanii sirreeessuu qkka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob magaalota gurguddoo keessatti hundaa’unis qaama hojii kanaa ta’uu eeran.

Lafti Invastimantiif oolu bifa qindaa’ina qabuun adda bahuu fi dhimmi invastimantii ajandaa hooggansa olaanaa ta’uus ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan Boordichi abbootii qabeenyaa kuma 3 fi 156 kaappitaala birrii biliyoona 49 galmeessisaniif lafa dameelee invastimantii qonnaa, manufakcharingii fi tajaajilaaf oolu hektaarri kuma 14 fi 142 akka kennamuuf murteessuu Obbo Ahimad ibsanii jiru.

Boordichi waliigalaan bara baajetaa kanatti abbootii qabeenyaa haaraa kuma 11 fi 477 kaappitaala birrii biliyoona 300 ol galmeessisaniif lafa hektaara kuma 100 fi kuma 57 ol murteessuu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunniin namoota kuma 800 fi kuma 60 ta’aniif carraa hojii uumuu akka danda’anis himameera.

Akkaataa dambii fi qajeelfama Invastimantii Oromiyaan abbootiin qabeenyaa haaraan lafti murtaa’eef kunniin guyyaa 45 keessatti waliigaltee mallatteessuudhan gara hojiitti galuu akka qaban hubachiisaniiru.

Abbootiin qabeenyaa biroonis haala inveestimeentii miijataa naannichi qabutti fayyadamuun dhufanii akka misoomsan obbo Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.