Kooriyaan Kaabaa yaalii Misaa’ela Kiruuz fi farra doonii waraanaa gaggeessite
Finfinnee, Ebla 6, 2018 (FMC) – Kooriyaan Kaabaa yaalii Misaa’ela Kiruuz fi farra doonii waraanaa milkaa’inaan gaggeessuun gabaafameera.
Yaaliiwwan misaa’elaa kunneen doonii waraanaa Choo’ii Hiyoon jedhamu irraa Dilbata darbe gaggeeffamuutu ibsame.
Kaayyoo guddaan yaalii kanaas to’annoo qindaa’aa meeshaalee doonii waraanaa fi sirna sakkatta’iinsaa cimsuuf akkasumas dhukaasa miisaa’eloota kanneenii miseensota sakkatta’iinsaa shaakalsiisuuf ta’uun eerameera.
Yaalii Kanaan misaa’eloonni Kiruuz sekondiiwwan kuma 7 fi 800 ol miisaa’eloonni farra doonii waraanaa ammoo sekondiiwwan kuma 1fi 900 qilleensarra turuun ibsameera.
Yaalii misaa’elaa kana Pirezidaantiin biyyattii Kiim Joong Uun qondaaltota olaanoo loltummaafi Humna Galaanarraa biyyattii waliin ta’uun hordofaniiru jedhame.
Kiim Joong Uun wayita kana Sagantaa Niwukileraa biyyattii cimsuun dhimma dursi kennamuuf ta’uu dubbatan.
Dandeettii haleellaa raawwachuufi deebii hatattamaa kennuu humna waraanaa biyyattii guddisuuf hojjetamaa jira jechuusaanii ‘TRT World’ gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia