Fana: At a Speed of Life!

Liiverpuul vs PSG…

Finfinnee, Eebla 6, 2018(FMC) – Taphoota nuusa xumuraa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan har’a taphoonni deebii lama ni taphatamu.

Har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee taphni Liiverpuul PSG keessummeessuu akkaan eegama.

Tapha marsaa jalqabaa PSG’n galchii 2 fi 0’n Liiverpuul injifachuun kan yaadatamuudha.

Liiverpuul qabxii kana jijjiiruun walakkaa xumuraaf darbuuf akkasuma Shaampiyoonaan bara darbee PSG’n qabxii isaa eegsifachuun tapha walakkaa xumuraaf gahuuf falmiin godhan hawwiin eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota as dhiheenya waliin taphatan 5 keessaa PSG’n yeroo 3 yoo injifatu, Liiverpuul ammoo si’a 2 injifateera.

Sa’aatuma walfakkaatuutti morkii kilaboonni Ispeen lamaan Atileetikoo Maadriidii fi Baarseloonaan waliin taasisanis xiyyeeffannoo argateera.

Tapha marsaa jalqabaan Atileetikoon galchii 2 fi Baarseloonaa injifachuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.