Boqonnaa itti aanuun jireenya lammiilee qabatamaan fooyyessuuf ni hojjenna – kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Fulbaana 20, 2019(FMC) – Boqonnaa itti aanuun jireenya lammiilee qabatamaan fooyyessuun Finfineen magaalaa jiraattotaaf miijattu akka taatuuf ni hojjenna jedhan Kantiibaa Adaanechi Abeebee.
Manni Maree magalaa Finfinnee yaa’ii jalqabaa marsaa 4ffaa har’a geggeesseen Aadde Adaanech Abeebee Kantiibaa magaalattii gochuun filateera.
Kanuma ilaachisee aadde Adaanechi haasawa dhiyeessaniin, waggoota shanan darban magaalattii jijjiiruufi jiraattota isheef akka miijattuuf waadaa kan galle kan eegneen olitti milkeessineerra jedhan.
Uummati nufilatee itti fufnee akka hojjennuuf carraa nuuf kennuun waggoota shanan darban wantoota hojjenneef beekamttii kennuu isaa argisiisa kan jedhan aadde Adaanech, kanneen hafanis itti fufnee akka hojjennuuf abdii nurraa qabaachuu fi itti gaafatama guddaa nuuf kennuu mul’isa jechuun kaasan.
Kanaafis baay’ina pirojeektotaa caalaa jireenya lammiilee irratti xiyyeeffachuun jijjiirama qabatamaa fiduun kallattii hojii itti aanuu ta’uu dubbatan.
Boqonnaan haaraan eegalame tokkoo tokkoon jireenya lammiilee kan itti jijjiiramu, daldaltoonni tajaajila walqixaa loogii malee argatanii kan itti hojjetanii fi lammiileen tajaajila qulqulluu kan itti argatan akka ta’uuf kan hojjetan ta’uu hubachiisan.
Dargaggootaaf carraa hojii uumuun, fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuun, nageenyi daa’immaniis akka eegamuuf hojjechuun qaama boqonnaa itti aanuu ta’uus eeran.
Olaantummaa seeraa fi nageenyi waaraa magaalattiitti akka mirkanaa’uuf, malaammaltuimmaa fi hanna dhabmsiisuuf kan hojjetan ta’uus dubbataniiru.
Finfinneen pirojeektii mootummaa qofa akka hintaane kan hubachiisan aadde Adaanechi, milkaa’ina hojii kanaaf hunduu ga’ee irraa eegamu akka gumaachu waamicha dhiyeessaniiru.
Uummata saglee isaa kennuun itti fufnee akka hojjenuuf nuuf eeyyames ni galateeffanna jedhan.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia