Fana: At a Speed of Life!

BRICS jijjiirama dinagdee Afrikaaf carraa haaraa fideera — Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) — BRICS Afrikaaf damee faayinaansii, teeknooloojii fi jijjiirama dinagdee keessatti carraa haaraa fideera, jedhan Indiyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa, Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa.

Ambaasaaddarichi tajaajila oduu Indiyaa, DD India, waliin turtii taasisaniin, BRICS biyyoonni miseensi biyyoota Afrikaa Dinagdee guddachaa jiru qaban waliin hariiroo daldalaa qaban akka cimsataniif carraa haaraa uumuu kaasaniiru.

Biyyoonni miseensa BRICS ta’an Afrikaaf hiriiyoota daldalaa ijoo ta’uu kan kaasan Ambaasaaddar Nabiyyuun, BRICS jijjiirama dinagdee fi guddina Afrikaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis, BRICS dameewwan ijaarsa dandeettii, dabarsa teeknooloojii, qonnaa, teeknooloojii odeeffannoo, albuudaa fi tuurizimii keessatti Afrikaaf carraawwan haaraa fideera jedhaniiru.

Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti bakka bu’ummaa haqaa fi hiika qabu akka qabaattuuf, Itiyoophiyaan waliigaltee Ezuuwiinii (Ezulwini Consensus) Afrikaa keessatti irra ga’ame dabalatee, ejjennoo fi fedhii waliigalaa Afrikaa akka deeggartuu Ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru.

BRICS dhaabbilee idil-addunyaa fi sirna bulchiinsa addunyaa irratti fooyya’iinsi akka taasifamuuf, biyyoonni Kibbaa guddachaa jiran, Itiyoophiyaa dabalatee, ejjennoo isaanii akka tarkaanfachiisan carraa uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbanni kun biyyoota humna guddaa qaban kanneen akka biyya qaroomina durii fi aadaa garaagaraa qabdu,Indiyaa, dabalatee, kan walitti fidu ta’uu eeranii, kunis biyyoonni miseensa BRICS ta’an dameewwan dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa irratti muuxannoo akka waljijjiiran balbala baneera jedhaniiru.

Mikiyaas Ayyalaatiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.