Fana: At a Speed of Life!

Bu’uuraaleen misoomaa Ispoortii hojjetaman beekamtii biyyi keenya damee atileetiksiin qabdu mirkaneessa- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Ebla 11, 2018 (FMC) – Bu’uuraaleen misoomaa Ispoortii ammayyaa magaalaa Keenyatti hojjetaman beekamtii biyyi keenya damee atileetiksiin qabdu irra deebiin mirkaneessuuf carraa uuma jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Bu’uuraaleen misoomaa Ispoortii ijaaraman magaalichi taateewwan Ispoortii idil-addunyaa kamiinuu qopheessuuf gahumsaa qabaachuu akka mul’isu eeraniiru.

Dorgommiiwwan magaalichatti gaggeeffaman atileetota guddattoota jajjabeessuurra darbee guddina tuurizimii Ispoortiif faayidaa guddaa qabaachuu kaasaniiru.

Magaalicha jiraattotaaf mijataafi hawwataa gochuurra darbee taateewwan idil addunyaaf wiirtuu ta’uu qabatamaan agarsiisuun danda’ameeras jedhan.

Waltajjiiwwan idil-addunyaafi ardii qopheessuun tokkummaa biyyaalessaa cimsuu keessattis qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.