Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa Wixineewwan labsii adda addaa raggaasise

Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’iisaa duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii 7ffaa geggeessaa jiruun wixineewwan labsii dabalataa adda addaa raggaasiseera.

Waixine eewwan kanneen kkeessaa waixineen sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe isa tokkoo dha.

Wixineen kun sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa naannoo Oromiyaa teeknooloojiin deeggaruun iftoomina, si’oominaa, dhaqqabamummaa, loogii irra bilisaa fi bu’aa qabeessummaa olaanaa kan qabu ta’uu isaa mirkaneessuu akka kaayyeffate ta’uun Cafficha irratti himameera.

Haaluma kanaan labsichi erga irratti mari’atamee booda labsii lakkoofsa 269/ 2019 ta’uun raggaasifameera..

Haaluma walfakkaatuun Wixineen labsii dhaabbilee misoomaa mootummaa fi sirna walta’iinsa mootummaa fi qaamolee dhuunfaa murteessuuf bahes ragga’eera.

Labsiin kun hojimaata dhaabbilee misoomaa mootummaa fi dhaabbilee misoomaa gar tokkeen ittiin hogganaman, hordofamanii fi deeggaraman diriirsuun gabaa keessatti dorgomaa fi bu’aa qabeessa akka ta’an haala mijataa kan uumuu ta’uun ibsameera.

Dabalataan hojimaata dhaabbilee misoomaa mootummaa fi dhaabbilee misoomaa gar-tokkeen ittiin hogganaman, hordofamanii fi deeggaraman diriirsuun gabaa keessatti dorgomtootaa fi bu’aa qabeeyyiia akka ta’an haala mijataa kan uumuu ta’uu marii sadarkaan gaggeeffameen mirkanaa’uutu ibsame.

Labsiin kunis labsii lakkoofsa 270/ 2019 ta’uun ragga’eera.

Siifan Magarsaatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.