Fana: At a Speed of Life!

Caffeen wixinee labsii dhaabbilee misoomaa mootummaa fi sirna walta’iinsa mootummaa fi qaamolee dhuunfaa diriirsuuf bahe raggaasise

Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii Caffee 7ffaa gaggeessaa jiruun wixinee labsii dhaabbilee misoomaa mootummaa fi sirna walta’iinsa mootummaa fi qaamolee dhuunfaa diriirsuuf bahe raggaasiseera.

Wixineen dhiyaate kun hojimaata dhaabbilee misoomaa mootummaa fi dhaabbilee misoomaa gar tokkeen ittiin hogganaman, hordofamanii fi deeggaraman diriirsuun gabaa keessatti dorgomaa fi bu’aa qabeessa akka ta’an haala mijataa kan uumuu ta’uu marii sadarkaan gaggeeffameen mirkanaa’uu ibsameera.

Miseensoonni caffees wixinee labsii dhiyaate sagalee guutuun raggaasisaniiru.

Wixineen kunis labsii lakkaa 267/2019 jedhameera.

Siifan Magarsaatiin.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.