Fana: At a Speed of Life!

Ce’umsa misoomaa Itiyoophiyaa keessatti dameen faayinaansii qooda olaanaa qaba- Dooktar Iyyoob Takkaalliny

Finfinnee, Fulbaana 19, 2019( FMC)- Ce’umsa misoomaa Itiyoophiyaa keessatti dameen faayinaansii qooda olaanaa qaba jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny.
 
Fooramiin Faayinaansii Itiyoophiyaa 2026 bakka Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti gaggeeffamaa jira.
 
Dooktar Iyyoob Takkaalliny waltajjicharratti haasawa taasisaniin, dandeettii damee faayinaansii cimsuuf hojiileen riifoormii bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu ibsaniiru.
 
Fooyyassii diinagdee mandhaleefi hojiirra oolmaa diinagdee gooroon ijaarsi dhaabbilee ciccimoo dhugoomuu eeraniiru.
 
Ragaaleen lakkoofsaa kanaaf agarsiistuu ta’an misoomni faayinaansii Itiyoophiyaa daandii guddinaa saffisaa ta’erra jiraachuu mirkaneessa jedhan.
 
Guddinni diinagdee kun fayyadamummaa lammiilee akka mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
 
Yeroo itti aanuttis faayinaansii qonnaa, hojiirra oolmaa moorgeejii ijaarsa manneeniin, dhiyeessii liqaa damee oomishaa fi dhiyeessii liqaa bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa irratti xiyyeeffannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru.
 
Ashanaafii Shibbiruutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.