Tokkummaa sabdaneessaa cimaa ijaaruuf hojjetamaa jira – Obbo Dastaa Leeddaamoo
Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC) – Tokkummaa sabdaneessaa cimaa ijaaruuf hojjetamaa jira jedhan Ittaanaan Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Dastaa Leeddaamoon.
Eenyummaan biyyaaleessaa bu’uura cimaa akka qabaatu xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Manni Maree Federeeshinii Ayyaana Saboota, sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 21ffaa ilaalchisee Hoggantoota Biiroolee Kominikeeshinii naannolee, Bulchiinsa magaalotaa fi ogeeyyii dhaabbilee miidiyaaf leenjii kennaa jira.
Miidiyaaleen adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa qabaachuu kan ibsan obbo Dastaan, ogeeyyiin miidiyaalee gahee isaanii sirnaan hubachuun hojjechuu qabu jedhan.
Naannoo waltajjicha keessummeessaan keessatti kennaawwan aadaa fi qabeenya uumamaa jiru beeksisuun, itti gaafatamummaa ogummaa isaanii akka bahan gaafatan.
Guyyaan Saboota, sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 21ffaan mata duree ‘Itiyoophiyaa danummaan miidhagde, mariin cichoomtee fi qaroomte’ jedhuun magaalaa Jimmaatti kabajama.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa