Darbii Landan 213ffaa si’oominaan eegamu
Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) – Piriimeer liigii Ingilaandi torbee 3ffaan taphni darbii Landan Arsenaal Cheelsii keessummeessu akkaan eegama.
Taphoota Kilaboota lamaan gidduutti hanga ammaatti taphatame 212 keessaa Arsenaal yeroo 87 yoo injifatu, Cheelsiin yeroo 64 injifachuun, si’a 61 ammoo qixaan xumuran.
Taphoota shanan darban dirree Arsenaal irratti taphatame keessa Arsenaal si’a 4 yoo injifatu, Cheelsiin yeroo1 qofa injifate.
Bara Faranjootaa Hagayya 22, 2021 as Cheelsiin Istaadiyeemii Emireetisitti Arsenaal injifatee hin beeku.
Bara kana kilaboonni lamaanuu jalqabbii gaarirratti kan argaman yoo ta’u, morkiin taasifamu akkaan eegama.
Kilaboonni lamaan Olaantummaa Magaalaa Landan irratti qaban kabachiisuun ala qabxii argamu addunyaan hawwiin eega.
Darbii 213ffaan Kaabaa fi Lixa Landan har’a waree booda sa’aatii 12:30 eegalee taphatamu kun jaalattoota Kubbaa Miilaan hawwii olaanaan eegama.
Tapha biroon har’a waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Eevartan – Maanchiister Yuunaayitiid waliin taphata.
#Oromia #Ethiopia