Dhiibbaa siyaasa qubsumaa Itiyoophiyaan sararoota Galaanaa idil-addunyaa irratti qabdu cimsuuf…
Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Dhaga’amtummaa Itiyoophiyaan qabdu guddisuuf kallattiin dippiloomaasii mootummaan Ida’amuu hojiirra oolchaa jiru ba’aa qabatamaa galmeessaa jira.
Mootummaan Ida’amuu faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf dhaga’amtummaa Itiyoophiyaan waltaajii idil addunyaarratti qabdu guddisuun kallattiin dippiloomaasii hojiirra oolchaa jiru ba’aa qabatamaa galmeessaa jira.
Hariiroon alaa jijjiiramaan dura ture qoqqoodama keessoo fi tarsiimowaa ta’uu dhabuu isaan laafee kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa hojiin ummata miliyoona 100 fi miiliyoona 30 gaachana waloo taasisuu xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jira.
Hojmaanni dura ture biyyattii Idaa alaa fi hirkatummaaf saaxilee kan ture ta’us, sararri dippiloomaasii yeroo ammaa garuu Itiyoophiyaa ajandaa fudhachuurraa gara ajandaa kennuutti ceesiseera.
Keessattuu murannoon mootummaan biyyattii abbaa ulaa galaanaa taasisuuf qabu xiyyeeffannoo argateera.
Itiyoophiyaan Buufata tokko qofarratti hirkachuun birmadummaa diinagdee isheef balaa ta’uu hubachuun gaaffii karra galaanaa karaa dippiloomaasiin hawaasa addunyaaf dhiyeessuu danda’ameera.
Tattaaffiin kun baasii daldala alaa hir’isuurra darbee dhiibbaa siyaasa qubsumaa Itiyoophiyaan sararoota Galaanaa idil-addunyaa irratti qabdu cimsuuf kan kaayyeeffateedha.
Mootummaan Ida’amuu yeroo itti aanu Humna Galaanaa gurmeessuu fi qajeeltoo kennanii fudhachuun furmaata waaraa fiduuf xiyyeeffannoon hojjeta.
Yeroo Gaanfi Afrikaa biyyoota humna qabaniif dirree dorgommii ta’aa jiru kanatti mootummaan Ida’amuu falaasama dippilomaasii tarkaanfataa michoota baay’isuurratti xiyyeeffate hordofaa jira.
Bu’aa tarsiimoo kanaan Itiyoophiyaan miseensa guutuu
BRICS akka taatu dandeessiseera.
Kunis biyyattiif filannoowwan gabaa bal’aa, ce’umsa teeknooloojii fi carraalee Invastimantii milkaa’aa uumeera.
Qaljeeltoon hariiroon alaa mootummaa Ida’amuu kabaja biyyaarra darbee fayyadamummaa lammiilee bu’uura kan godhate yoo ta’u, birmadummaan lammiilee kan kabajamu diinagdeen yoo cimanii fi nyaataan yoo of danda’an jedhee amana.
Itiyoophiyaan Mootummoota Gamtoomaniitti Mana Maree Mirgoota Namoomaa fi Sagantaa Nyaata addunyaa keessatti miseensa boordii ta’uun filatamuun dippiloomaasiin biyyattii humna qabaachuu agarsiiftuudha.
Gara fuulduraattis mootummaan birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf hojiilee hojjetaa jiru caalmaatti cimsee itti fufa.
Faayidaa biyyaalessaa haala qabatamaa addunyaan waliin walsimsaa adeemuun dippilomaasii kabajaa fi maqaa Itiyoophiyaaf madaalu mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaa isa olaanaa ta’ee itti fufa.
#Oromia #Ethiopia