Fana: At a Speed of Life!

Dhimmoota Galaanaa Diimaa fi Abbayyaarratti faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuuf nan hojjedha – Fooramicha

Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC) – Fooramiin Naayilii fi Galaanaa dhimmoota Galaanaa Diimaa fi Abbayyaarratti faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuuf qorannoo fi Dippiloomaasiin nan hojjedha jedhe.

Fooramichi hayyoota dameewwan adda addaarraa dhufaniin kan hundaa’e yoo ta’u, beekamtii seeraa argachuu hordofee hojiilee yeroo itti aanu hojjetamanirratti ibsa kenneera.

Kaayyoon fooramichaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaan bishaan lamaan irratti qabdu ilaachisee hojiilee qorannoon deeggaraman hojjechuu ta’uu walitti qabaan Fooramichaa Dooktar Abbabaa Gammachuu ibsaniiru.

Kanaanis yeroo darban keessa dhimmoota Laga Abbayyaa fi Galaanaa Diimaarratti xiyyeeffatanirratti waltajjiiwwan garaagaraa qopheessuu kaasuun, yeroo ammaa Dhaabbailee Hawaasa Siiviilii Itiyoophiyaan beekamtii seeraa argachuu dubbatan.

Fooramichi mirgoota seenaa Itiyoophiyaa, seeraa, teessuma lafaa fi qubsama siyaasaa qorannoo fi qo’annoon deeggaruun biyyattiin ulaa galaanaa argachuun faayidaa tarsiimawaa Galaana Diimaa akkasumas Laga Abbayyaarraa qabdu kabachiisuuf deeggarsa ogummaa ni taasisa jedhan.

Hojii Raawwachiisaa olaanaan fooramichaa Obbo Salamoon Tafarraan gama isaaniin, Dhimmoonni bishaani lamaanii Itiyoophiyaaf qananii osoo hin taane dhimma bu’uuraalee nageenya birmadummaa, diinagdee fi qubsama siyaasaa ta’uu dubbatan.

Hayyoonni beekumsaa fi qorannoon gurmaa’uun dirqama biyyummaa isaanii akka ba’an dhaabbata hundaa’e ta’uu kaasan.

Andu’alem Tasfaayeetiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.