Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Qaammee, 5, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana bara haaraa 2019 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa isaaniin, barri uumaa irraa dhala namaaf kan kenname kitaaba hojiiti jedhaniiru.

Kitaabni hojii kun tokkoon tokkoo namaaf fuulawwan murtaa’aa qabaachuu kaasanii, fuulli dhumaa xumuramee haguuggiin xumuraa hanga cufamutti mirgi wanta barbaadne barreessuu nu harka jira jechuun ibsaniiru.

Tokko tokko yaadotaafi hojiiwwan addunyaa jijjiiran, kaan ammoo yaadamaafi teeknooloojii seenaa jijjiiran irratti barreessaniiru jedhan.

Faallaa kanaa yaadaafi gochaa addunyaa barbadeessan, uummata qoqqoodan fi dhumaatii qaqqabsiisan, madaala uumama jallisan, badiifi gara jabeenya barsiisan kan irratti barreessan muraasa miti; dhibaa’ummaafi hadooddii, hirribaafi dunquuqquu kan barreessanis jiru jedhan.

Itiyoophiyaanonni kitaaba baraa kana keessatti maal barreessaa turre? Ammahoo maal barreessaa jirra? Gara fuulduraatti hoo maal barreessuuf yaadana? Barri moofaan dabarsine fi barri haaraan simannu gaaffilee kanneen akka deebisnu nu dirqisiisu jedhaniiru ergaa isaaniin.

Barri daldala, qonnaa, sirna ijaarsaa, dhaha yeroo(jabanaa) ce’umsa aangoo karaa nagaa, ogummaa fakkiifi muuziqaan, amantaafi falaasamaan addunyaa dinqisiisan kitaaba baraa keenya keessatti barreessine qabna.

Faallaa kanaa fuulawwan baraa beelaafi xannee, waraanaafi dhumaatii, qoqqoodiinsaafi adda bahiinsaa, xiqqaachuufi dadhabuu itti barreessine qabna jedhan.

Barri kaleessaa godaannisaafi ashaaraa, idaafi miindaa isaa nuuf kennee darbeera kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, wanti murteessaan baroota hafanitti wanta bu’aa qabu maal hojjenna? Kan jedhudha jedhan.

Itiyoophiyaanonni yeroo ammaa seenaawwan dinqisiisoo dhalootaaf darban hojjechaa jiraachuu kaasanii, diinagdee magariisaa Ashaaraa magariisaan, tuurizimii pirojektii maaddiin, birmadummaa nyaataa misooma qamadii jallisii boneefi sagantaa Maaddii Guutuun, indaastirii oomishaan Itiyoophiyaan Haa Oomishtuun ijaaraa fi jabeessaa jirra jechuun ibsan.

Dandeettii Inarjii keenyaa pirojektii gaazii uumamaafi teeknooloojii niwukilaraan guddisuuf, galteewwan xaa’oo kan biyya keessaan uwwisuuf, dirree Daandii Qilleensaa keenya pirojektii buufata xiyyaaraa guddicha Bishooftuun babal’isuuf egereef yaadnee har’a tattaafachaa jirra.

Xumura Hidha Guddicha Haaromsaa, bu’aa hidhawwan jallisii, olka’iinsa oomisha Ruuzii, dinqii oomisha fuduraalee, daballii daldala al-ergii, bu’aa fooyya’iinsa diinagdee gooroo, walitti hidhamiinsa inarjii Afrikaatti uumne, milkaa’ina diijitaalaa 2030, misooma kooriidarii keenyaa qabeenyaafi miidhagina Itiyoophiyaa mul’isuu keenya kitaabni baraa keenya galmeessaa jira jedhan.

Misoomni qarqara lagaa biyyee, magaalaa, fayyaa, bishaan keenya eegaa jiraachuu, sadarkaafi dandeettiin qoricha oomishuu keenyaa guddachaa jiraachuu, barbaachi, oomishaafi gurgurtaan albuuda keenyaa cabiinsa baroottanii suphaa jiraachuu, ajandaan ulaa galaanaa keenyaa fudhatamummaa idil-addunyaa argachuun, dandeettiin dhiibbaa uumtummaa Itiyoophiyaa bal’achuu fiilli kitaaba bara kanaa galmneessaa jiru jechuun eeraniiru.

Boqonnaa haaraa Kitaaba baraa 2019 kan jalqabnu marii biyyaalessaa keenya milkaa’inaan xumurreetu jedhanii, Itiyoophiyaanonni marii kana baroottaniif eegaa akka turan kaasaniiru.

Rakkoolee keenya waraanaan furuurra maaliif hin mari’annu; aadaan marii maaliif gara siyaasaa hin fidnu jechaa akka turan ibsaniiru.

Fuulawwan kitaaba baraa wayita dubbisnu qaamoleen gaaffii kana kaasan wareegama hedduu kaffaluu isaanii dubbisna ; nuti garuu yaadichatti amannee, fudhannee hojiirra oolchine jechuun ibsan.

Marichis bu’aalee amanuufi hojiirra oolchuun keenya sirrii ta’uu agarsiisan nuuf argamsiiseera jedhan.

Bu’aan jalqabaa “karoorri goomannaa diinaa fashalaa’uudha”; Itiyoophiyaanonni mari’achuu hin danda’an, mari’atanis yaadaan walitti dhiyaachuu hin danda’an goomannaan jedhu fashaleessineerra.

Mari’achuuf akka karoorsinu, karoorsinee akka jalqabnu, jalqabnee akka xumurru marii biyyaalessaan mirkaneessineerra; heddumminni yaadaa keenya dhimmi biyyaa irratti ejjennoo waloo qabachuurraa akka nu hin daangessine qabatamaan agarsiisneerra jedhan.

Kan lammaffaa “Aadaadha” jedhanii, aadaa siyaasaa dhimmoota aduu gaditti irratti mari’achuufi waliigaluu gabbifachuun keenya milkaa’ina guddaadha jechuun eeraniiru.

Itiyoophiyaan irra deddeebiin yaa’ii hayyootaa gaggeessiteetti ta’a kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, yaa’iiwwan hayyoota uummataan “Anatu siif beeka” jedhan maqaa rakkoolee biyyaa furuu jehuun qoqqoodiinsa aangoo itti gaggeessan gaggeeffamuu ibsaniiru.

Gaaffileen keenya barootaa garuu deebii hin arganne; marii hayyootaarra uummanni keenya mari’atee furmaata akka akeekuuf marii biyyaalessaa gaggessuun kan barbaachiseef sababa kanaani jedhan.

Seenaa ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti yaa’ii guddaan qalama cululuqaan barraa’e gaggeeffame; yaa’ii marii biyyaalessaa gaggeeffameen uummata keenya abbummaan hirmaachisuun xumurameera jedhaniiru.

Bakkeewwan, sabootaafi amantaalee hunda, yaadota siyaasaa harka caalu, lammiilee biyya keessaafi diyaaspooraa, qonnaan bultoota, horsiisee bultootaafi dafqaan bultoota, hoggantootaa, kan barateefi hin baranne, dhiirotaafi dubartoota, sadarkaa kanatti yaa’ii tokkoon iddoo tokkotti walitti fiduun seenaa keenya haaraadha; kitaaba baraa keessattis qalama cululuqaan barraa’eera jedhan.

Akka Dooktar Abiy Ahimad ibsanitti,

Inni sadaffaan immoo “bu’aa” isaa ti.

Ajandaalee irratti waliigalleerra. Dhimmoota irratti waliigalle kunneen gara hojiitti kan hiikamanidha. Kanneen aadaa ta’an jiru. Kanneen sirna ta’an jiru. Kanneen akka hojmaataatti diriiran jiru. Yaadama ta’anii kan ittiin qajeelfamnu jiru. Kanneen labsii ta’anii bahan jiru. Kanneen yaada fooyya’iinsa Heera Mootummaa ta’an jiru. Kanneen fooyya’iinsa caasaa ta’an jiru.

Kanneen barnoota, siidaawwan, moggaasaa fi mallattoolee biyyaalessaa murteessan jiru.

Kanneen imala keenya kaleessaa sirreessan, araarsanfi hubannoo fooyya’aa irratti hundaa’uun hiikan jiru.

Mootummaan yaadota hunda karaa sirrii ta’een itti fayyadama. Imala Itiyoophiyaa boruu qajeelchuuf galtee ta’anii tajaajilu. Yeroo yerootti kan eeraman, yaadataman fi ka’an ta’u.

Kitaabni seenaa Itiyoophiyaa Marii Biyyaalessaa duraafi booda waan adda ta’e akka barreessu nan amana. Imalli keenya waliigaltee fi walitti dhufeenyaa akka sirriitti qajeelaa deemaa jiru ni galmeeffama.

Yaadoti irratti waliigalle hojiitti jijjiiramanii, hidda qabatanii, bu’aa fiduun isaanii seenessa.

Mariin Biyyaalessaa keenya milki qabeessa ta’uu marii qofaan osoo hintaane, bu’aa isaanillee agarsiisaa jira.

Mootummaan Jalabultii waggaa haaraa irratti sirreeffamtoonni seeraa dhiifamaan akka gadi lakkifaman godheera.

Kana kan raawwateef kaayyoo lamaaf. Kan jalqabaa bu’aa marii biyyaa

Kaayyoon inni kana ittiin raawwate lama. Inni jalqabaa, bu’aa Marii Biyyaalessaa jaalalaan, dhiifamaan fi nagaan jalqabuuf. Gareewwan garaa garaa Marii Biyyaalessaatti dhufan, namoonni dogoggora adda addaatiin hidhaman dhiifamaa fi seeraan akka gadhiifaman gaafachaa turaniiru. Mootummaanis kana fudhatee, namoota adeemsa keessatti irratti waliigalaman gadhiiseera.

Kaayyoon Marii Biyyaalessaas Itiyoophiyaanonni dhimmoota irratti mari’achuu qabaniif fi yaadota furmaataa irratti waliigalan dhiyeessuudha.

Mootummaanis yaadota marii kanaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabu adeemsa dhiifamaa kanaan agarsiisuu jalqabeera.

Namoonni adeemsa dhiifamaa kanaan gadhiifaman yaadota furmaataa Marii Biyyaalessaa irratti gahee gaarii ni taphatu jedhamee amanama. Daandii darbe irraa barachuun, daandii gara fuulduraa kan nagaa fi dimokraasii akka taasisan abdatameera.

Hawaasniis namoonni kunneen nageenyaa fi misooma biyyaaf gahee isaanii akka bahatan gargaaruu fi gorsuu qaba.

Yeroo walitti dubbachuu, wal falmuu fi dorgomuu danda’amutti, wal dhabdee fi lolli bu’a qabeessa miti. Yeroo qalamaa fi yaadaa malee, yeroon qawwee fi humnaa darbeera.

Kitaabni seenaa Itiyoophiyaa kana booda seenaa qawwee fi humnaa hin galmeessu. Seenaa keenya keessatti walitti bu’iinsaa fi waraanni gahaan jiraachuu isaa kitaabni seenaa nu agarsiiseera. Boqonnaan itti aanu karaa haaraa malee, adeemsa moofaa hin galmeessu.

Bara dhufu, bu’aa fi barnoota Marii Biyyaalessaa irraa arganne caalaatti hojiirra kan oolchinu ta’a. Bara keessatti haalli siyaasaa bal’atee, yaadota fi adeemsaalee gara garaa faayidaa biyyaalessaa keessatti walitti hidhuun kan ittiin deemnu ta’a.

Bara keessatti abbaa biyyummaa keenya guutuun caalaatti kan kabajamu, tokkummaan keenya sabdaneessaa caalaatti kan cimu, oomishtummaa dameewwan hundaan jalqabne bifaafi qulqullinaan kan ittiin dabalu, akkasumas Itiyoophiyaan naannichaa fi Afrikaa keessatti gahee hoggansa ishee bu’uura jabeessitee kan ittiin dhaabbattu ta’a.

Badhaadhinni Itiyoophiyaa dhalootaa dhalootatti kan darbu ta’ee akka ijaaramu kan ittiin hojjetamu ta’a.

Kun akka milkaa’uuf hirmaannaan paartilee siyaasaa, gaheen hayyootaa, kadhannaan abbootii amantaa, ciminaafi kutannoon dhaabbilee nageenyaa, tattaaffii fi jabinni indaastirii oomishaa, saffisaan hojjechuu fi ummataaf yaaduun hawaasa daldalaa, jabinni qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa, tattaaffiin dargaggootaa fi dubartootaa hinlaafne, amanamummaan miidiyaalee, ammayyummaan damee dijitaalaa, qulqullinnii fi tajaajilli hojjettoota mootummaa; hundi isaanii murteessoodha.

Barri Haaraan kitaaba seenaa Itiyoophiyaa irratti seenaa haaraa, yaada haaraa fi qaroomina haaraa kan ittiin barreessinu akka ta’u nan abdadha. Akkas akka ta’us nan amana. Uumaanis akka nu gargaaru nan amana.

Baga Bara Haaraa geessan.

Itiyoophiyaan tattaaffii ilmaan isheetiin kabajamtee bara baraan haa jiraattu!!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.