Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirreeffamtoota seeraa kuma 2 fi 735’f dhiifama taasise
Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirreeffamtoota seeraa kuma 2 fi 735’f dhiifama taasise.
Akkaataa Heera Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaa keeyyata 57(3)(1) tiin Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannichaa sirreeffamtoota seeraa ulaagaalee dhiifamaa guutaniif dhiifama taasiseera.
Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojii dhiifamaa kanaaf xiyyeeffannaa kennuun haala raawwii dhiifamaatiif Labsii Sirna Dhiifamaa Lakk.114/98 kan baase yemmuu ta’u Labsii kanaan boordiin hundaa’ee jira.
Boordiin dhiifama sirreeffamtoota seeraa sirni dhiifamaa haala itti fufiinsa, iftoominaafi itti gaafatamummaa qabuun hojii irra oolchuuf jecha Labsii kana keeyyata 6 irratti hundaa’uun qajeelfama lakk.10/2013 baaseen hojjechaa jira.
Sirreeffamtoota seeraa kuma 2 fi 735f dhiifamni taasifamuu hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Walii Galaa Oromiyaa obbo Guyyoo Galgaloo himaniiru.
Dhiiroota kuma 2 fi 518fi dubartoota 217f dhiifamni godhamuu himan.
Sirreeffamtootn dhiifamaaf ilaalaman keessaa gocha isaanii irraa gaabbuu, itti gaafatamummaa fudhachuu, seera kabajanii jiraachuuf waadaa galuu, hawaasa keessatti nagaan jiraachuu fi jireenya hawaasummaa keessatti sirnaan hirmaachuuf fedhii qabaachuun ulaagaalee ijoo ta’uun ibsameera.
Gama biraatiin, dargaggoota umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’e, dubartootni daa’imman qaban ykn ulfaa’an, manguddoota, akkasumas sirreeffamtoota dhukkuba irraa hin fayyine ykn dhukkuba sammuu qaban kanneen haala addaatin ilaalamaniidha.
Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia