Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen Itiyoophiyaa giddugala Loojistiksii Afrikaa taasisan cimanii itti fufu – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee, 5, 2018 (FMC)- Hojiileen Itiyoophiyaa giddugala Loojistiksii Afrikaa taasisan cimanii itti fufu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Moojootti Giddugala babal’ina Loojitiksii ifatti eebbisuun bananiiru.

Dooktar Abiy wayita kana, hojiilee Itiyoophiyaa giddugala loojistiksii Afrikaa taasisuuf dandeessisan hojjechuu cimsinee itti fufna jedhan.

Humnoonni guddinaa fi misooma Itiyoophiyaa dhaabsisuuf yaalan tulluu hin dandeenye waliin dhama’aa jiraachuu itti mul’ifna jechuun dubbataniiru.

Baatiiwwan muraasa darban milkaa’inoonni galmaa’an egeree Itiyoophiyaaf bu’uura kan kaa’an ta’uu Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaarratti lammiileen miiliyoonni 50 sagalee kennuun, mootummaa waggoottan shanan dhufaniif isa tajaajilu filachuun, saboonni, Sablamoonnii fi Ummattoonni Itiyoophiyaa guutuu biyyattiirra walitti babba’an kumni 4000 egeree Itiyoophiyaa murteessuuf mari’achuu, biqiltuu biiliyoona 8.1 dhaabuun waliigalaa biqiltuu biiliyoona 56 qaqqabsisuun bara itti danda’ame ta’uu kaasaniiru.

Akkasumas barri 2018 Itiyoophiyaan bara guddina %10.2 itti galmeessite ta’uu kaasaniiru.
Geejjibni loojistiksii, buufanni, bu’uuraaleen misoomaa Baaburaa hanga qonnaan bulaa bira gahuutti walitti hidhamiinsa qabaachuu eeruun, kunis guddina Itiyoophiyaaf gahee olaanaa qabaachuu himaniiru.

Rakkoon damee loojistiksii Itiyoophiyaa dinagdee hudhee turuu kaasuun, giddugalli loojistiksii Moojoo rakkoolee kanneen akka furu dubbataniiru.

Giddugalli loojistiksii Moojoo dandeettii kontenaarii kuma 500 irra gara miiliyoona 1tti guddisa jechuu isaanii ENA’n gabaaseera.

Guddinni Itiyoophiyaa guutuu akka ta’uuf rogaawwan hunda wal qunnamsiisuun barbaachiisaa ta’uu Dooktar Abiy Ahimad hubachiisaniiru

Barri 2018 bara injifannoo hedduu, milkaa’ina raawwachuu akka ture ibsuun, barri 2019 bara caalmaatti injifannoo barreessinu ta’as jechuun eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.