Dooniiwwan sadii Ulaa Hoormuuz irratti haleelaman
Finfinnee, Ebla 14, 2018 (FMC) – Dooniiwwan sadii ulaa Hoormuuz irratti haleelamuun gabaafameera.
Giddugalli Oppireeshinii Daldala Galaanarraa Ingiliz dooniiwwan sadeen keessaa tokko ibiddaan gubachuu lama ammoo Humna Waraanaa Iraaniin qabamuu ibse.
Wayita Ameerikaafi Iraan sosochii doonii dhorkaa jiran kanatti Humni Waraanaa Iraan dooniiwwan boba’aa fe’an irratti haleellaa raawwachuu giddugalichi beeksiseera.
Haleellaan kun Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi hanga mariin biyyoota lameenii fooyyee agarsiisutti waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka dheeressan erga dubbatanii booda jedhame.
Yaada pirezidaanti Doonaald Tiraampi hordofee hanga ammaatti deebiin Iraan kennite hin jiru.
Gorsaan Af-yaa’ii Paarlaamaa Iraan akka dubbatanitti, yeroo dhukkaasa dhaabuu dheeressuun Ameerikaan irra deebiin haleellaa tasaa akka raawwattuuf yeroo kennuudha jedhan.
Mariin biyyoota lameen gidduutti taasifamaa jiru iftoomina kan hin qabne yoo ta’u, guyyaa kaleessaa Paakistaan ni galu jedhamee eegamaa kan turan Pirezidaantii Itti aanaan Ameerikaa JD Vaansi hanga ammaatti Paakistaan hin galle.
Gaazexeessaan BBC Islaamaabaaditti argamu akka jedhetti Paakistaan marii irra deebii kanaaf haalota mijeessitee eegaa kan jirtu ta’us mariin mariisitoonni biyyoota lameenii torban kanaa abdii hin qabu.
Abeel Niwaayiin.
#Oromia #Ethiopia