Dorgommiin Finfinnee Giraandi Piriiksi injifannoo atileetota Itiyoophiyaan cimee itti fufeera
Finfinnee, Ebla 10, 2018(FMC)- Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii Finfinnee Giraand Piriiksi irratti injifannoo galmeessisuu cimsanii itti fufaniiru.
Dorgommii fiigicha meetira 1500 dubartootaan atileet Adaanuu Shaanqoo daqiiqaa 4:16.04n xumuruun 1ffaan injifatteetti.
Fageenya kana Qisaannat Alam sadakaa 2ffaan, atileet Daadhii Duubee ammoo 3ffaa ba’uun xumuraniiru.
Dorgommii fageenya meetira 800 dubartootaan ammoo atileet Nigisti Geetaachoo daqiiqaa 2:01.65’n xumuruun yoo injifattu, atileet Misgaanaa Haayiluu 2ffaa, atileet Habtaam Gabayyoo 3ffaa ta’uun xumuraniiru.
Dorgommii meetira 100 ramaddii dubartootaan ammoo atileetiin Ameerikaa Gaabii Toomaas sekoondii 11.13n xumuruun injifatteetti.
Atileet Chaantee Niikool 2ffaa, atileet Kaambiriyaa Nikool ammoo sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.
Dorgommii Finfinnee Giraand Piriiksi fiigicha meetira 800 dhiirotaanis atileet Marsiim Kaasaahun injifateera.
Marsiim fageenyicha da1iiqaa 1:47.52n xumuruun yoo injifatu atileet Abbabaa Lammeechaa 1.48.09’n 2ffaa, atileet Biruuk Taaddasaa ammoo 1:48.32n sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.
#Oromia #Ethiopia