Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministira Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa:-

Ashaaraan magariisaa keenya akka dhalootaatti kan milkeessine fi injifannoo biyyaalessaa tumsaan galmeessinedha.

Sadarkaa biyyaalessaatti kan gaggeeffame sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon gootawwan miseensota Raayyaa Ittisaa waliin ashaaraa keenya keenyeerra.

Ijoolleen Itiyoophiyaa gamtaan yoo ka’an, irree isaanii tumsaaf yoo diriirsan yeroo hunda injifannoon jira. yeroo hunda injifachuu, yeroo hunda raawwachuun akka danda’amu har’as agarsiisaniiru.

Waggoottan darban keessa sagantaa ashaaraa magariisaan seenaa hojjenneerra. Har’as akka biyyaatti hirmaannaa guddaa taasifneen bu’aa galmeessisneerra.

Sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaa akkuma Kanaan duraa uummanni Itiyoophiyaa tokkummaafi jabina isaa kan itti mirkaneesse oolmaa seena qabeessa ture.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.