Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Waajjira Ministira Muummee

Buufanni xiyyaaraa Idil-addunyaa haaraan Bishooftuu Finfinneerraa fageenya kiiloomeetira 40 irratti, qixa sirrii galaanaa irraa meetira kuma 1 fi 910 irratti ijaaramaa jira.

Dandeettii master pilaanii isa dhumaan waggaatti hanga imaltoota miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 akka keessummeessuuf kan yaadame yoo ta’u, kunis dandeettii keessummeessuu yeroo ammaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee waliin wal bira yoo qabamu dachaa 4.4 caalmaa qaba.

Pirojektiin seena qabeessi kun biyya keenya giddugala Aviyeeshinii addunyaa warreen dursan hiriirsuuf, bakka gahe hundatti Alaabaa biyya keenyaa olkaasee kan mul’isuufi ardiin keenya kan ittiin boontu gama Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa Afrikaafi Afrikaarra darbee jiru cimsuuf tattaaffii olaanaan halkaniifi guyyaa ijaaramaa jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.