Faayidaa Varsi bu’uura jabaa misooma dinagdee diijitaalaati – obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Adoolessa 28, 2018 (FMC) –Faayidaa Varsi bu’uura jabaa misooma dinagdee diijitaalaati jedhan Ministira Muummee Ittaanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Sagantaan Eenyummeessaa Biyyaalessaa (Faayidaa) dhaabbata misoomaa mootummaa ta’uun akka haaraatti hundaa’eera.
Moggasaa maqaa ‘Faayidaa Varsi’ jedhamuun dhaabbata Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldiingis jalatti hammatameera.
Obbo Tamasgeen, Imala ce’umsa Diijitaal Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan ta’e ‘Faayidaa varsi Diijitaal Sooluushiin’ wayita eegalchiisan dhaabbatichi waggoota muraasa keessatti hojiilee Diinagdee Diijitaalaaf bu’uura cimaa ta’an raawwachuu himan.
Lammiileen miiliyoonni 50 faayidaa galmaa’uu fi miiliyoonni 13 ol ammoo Kaardii maxxanfame fudhachuu eeran.
Tajaajilli mirkaneessaa miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 60 kennamuu dubbatan.
Pirojektichi bara Faranjootaa 2030tti oomisha waliigalaa biyya keessaa % 6n akka dabaluufi faayidaa dinagdee kallattiin Doolaara biiliyoona 9tti dhihaatu akka fiduuf abdii guddaan irra kaa’amuu ibsan.
Leeyikuun Alemiin