Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa Varsi maalidha?

Finfinnee, Adoolessa 29, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan damee diijitaalaan tajaajiloota mootummaa, diinagdeefi hirmaannaa lammiilee ammayyeessuuf ce’umsa diijitaalaa taasisaa jirti.

Bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa, diinagdee diijitaalaa fi ogummaa diijitaalaa lammiilee cimsuun jijjiirama diijitaalaa biyyattii karaa qindaa’aa ta’een saffisiisaa jirti.

Haaluma Kanaan waggoota shanan darbaniif dhaabbata itti waamamaa Waajjira Ministira Muummee ta’uun tajaajila waraqaa eenyummaa diijitaalaa kennaa kan ture Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa (Faayidaa) of danda’uun dhaabbata misoomaa mootummaa maqaa “ Intarpiraayizii Faayidaa Varsi Diijitaal Sooluushin” jedhuun akka haaraatti hundeeffameera.

Ce’umsi tarsiimawaan kun dhaabbatichi dandeettii ofiin kalaqa teeknooloojiifi bu’uura faayinaansii waaraa walsimsuun bilisummaa faayinaansii kan guddisuufi ogeeyyii teeknooloojii hawwachuun dorgomtummaa isaa kan mirkaneessudha.

Dhaabbatichi waggoottan sadarkaa piroojektiitti turetti hojiilee ijaarsa diinagdee diijitaalaa Itiyoophiyaaf bu’uura ta’an hojjeteera.

Adeemsa hanga ammaatti jiruun lammiilee miiliyoona 50 ol karaa diijitaalaan galmeessuun, kaardiiwwan diijitaalaa miiliyoona 13 ol raabsuun akkasumas tajaajiloota mirkaneessaa miiliyoona 100 fi miiliyoona 60 ol kennisiisuuf dandeettii uumeera.

Dabalataanis dhaabbilee mootummaafi dhuunfaa 150 ol waliin walitti hidhuun dandeettii guyyaatti mirkaneessawwan eenyummaa miiliyoona 2 raawwachuuf dandeessisu uumuunsaa bu’aa qabeessummaa dhaabbatichaa agarsiisa.

Faayidaa Varsi giddugala bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa Itiyoophiyaa ta’uun gurmaa’uun isaa dameewwan diinagdee tarsiimawaa 13 keessatti sirna eenyummaa diijitaalaa beeksisuuf dandeessiseera.

Gurmaa’iinsi kun bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa uummataafi bulchiinsa diijitaalaa cimsuurra darbee hammattummaa faayinaansii babal’isuun fi sirna diijitaalaa nageenyi isaa eegame ijaaruu keessatti qooda olaanaa bahata.

Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa wayita waa’ee pirojektichaa ibsan Faayidaa Varsi bu’uura misoomaa diijitaalaa Itiyoophiyaa akka ta’u fi bara faranjootaa 2030’tti oomisha waliigalaa biyya keessaa %6 akka guddisuufi faayidaa diinagdee Doolaara biiliyoona 9’tti dhiyaatu ni fida jedhamee kan amanamu ta’uu ibsaniiru.

Faayidaa Varsi hundeeffamuun boqonnaa seenaa haaraa milkaa’ina bu’uuraalee misoomaa mootummaa ida’amuu saffisiisuun fi teeknooloojiin fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf waadaa seename kan mirkaneessedha.

Yoonaas Geetinnatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.