Fana: At a Speed of Life!

Faransaay fi Ispeenitti sababa balaa ibidda bosonaan namoonni kumni 200 ol qe’eerraa buqqa’an

Finfinnee, Adoolessa 18, 2018(FMC)- Faransaay fi Ispeenitti sababa balaa ibidda bosonaan namoonni kumni 200 fi kumni 20 ol qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Faransaayitti jiraattonni naannoo Boordoo kuma 60 ol ta’an naannawicha gadi lakkisanii akka bahaniif aanga’oonni biyyattii ajaja dabarsaniiru.

Balaa ibidda bosonaa Faransaay fi Ispeenitti babal’achaa dhufeen baayinni namoota qe’ee isaanii gadi lakkisanii akka bahan taasifame kuma 200 fi kuma 20 caaleera.

Kibba Lixaa Faransaayittis namoonni hedduun qe’ee isaanii gadi lakkisanii akka bahan godhameera.

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon balicha to’achuuf loltoota bobbaasaniiru.

Balaan ibidda bosonaa cimaan Ispeen dhiyeenya magaalaa Maadriiditti mudate humna hojjettoota balaa ittisaniin ol ta’uu aanga’oonni biyyattii ibsaniiru.

Mootummaan biyyattii labsii yeroo muddamaa kan labse yoo ta’u, sababa balaa Kanaan namoonni kumni 25 qe’ee isanii gadi lakkisanii akka bahan kumni 40 ammoo mana keessa akka turan ajaja dabarseera.

Pireezidaantiin naannawaa Maadriid Izaabeel Diyaaz balaan ibiddaa bosonaa kun seenaa keessatti isa hamaa ta’uu dubbataniiru.

Abrahaam Abarraan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.