Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen magaalota Afrikaaf fakkeenya ta’aa jirti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2019(FMC)- Finfinneen magaalota Afrikaaf fakkeenya ta’aa jirti jedhan Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.
 
Fooramiin magaalota Afrikaa 2026 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
 
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, waltajjiin kun muuxannoo wal jijjiiruuf, wal baruufi imala jijjiiramaa magaalaa keenyaa qooduuf carraa gaarii uumeera jedhan.
 
Imalli jijjiiramaa Finfinnee yaadama Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad akkasumas mul’ata magaalattiif qaban waliin kan walsimu ta’uu kaasanii, mul’ata kana gara hojii qabatamaatti jijjiiruuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
 
Hojiilee geejjiba, misooma manneenii, kenniinsa tajaajila teeknooloojiin deeggaruufi ijaarsa dhalootaa irratti hojjennuun fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessaa jirra jedhaniiru.
 
Dandeettii faayinaansiifi beekumsa mataa keenyaa irratti hundaa’uun hojjechuu keenyaan muuxannoon magaalaa Finfinnee magaalota Afrikaafi addunyaa biroof barumsa barbaachisaa gumaachaa jira jechuun ibsaniiru.
 
Finfinnee Afrikaa irraa magaalaa daa’imman guddisuuf filatamtuu taasisuuf kutannoo cimaa qabnu agarsiisaa jirra jedhanii, hojiilee guddina daa’immanii irratti xiyyeeffatan cimsuun nageenya, barnootaafi jireenya egeree daa’immanii ajandaa misoomaa magaalichaa keessatti qabachuu ibsaniiru.
 
Hirmaattota fooramichaa waliin ta’uun Giddugala Kunuunsa Daa’immanii eebbisiisuun tajaajilaaf banuus eeraniiru.
 
Qaamolee milkaa’ina sagantichaaf qooda isaanii bahatanis galateeffataniiru.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.