Finfinneetti barattoota miiliyoona 1 oliif nyaata dhiyeessuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Bulchiinsi Finfinnee bara 2019 keessa barattoota miiliyoona 1 oliif nyaata dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhe Ejensiin Nyaata Barattootaa magaalichaa.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuu, namusaa fi nageenya hawaas diinagdee daa’immanii fooyyesuuf hojjetamaa jiraachuu Ittaanaan Daayrekteraa Ejensichaa Sintaayyoohu Maammoon Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Kanneen keessaa sagantaan nyaata barattootaa tokko ta’uu dubbatan.
Bara barnootaa 2019 keessa barattoonni miiliyoonni 1 ol fayyadamoo sagantichaa akka ta’an hojjetamaa jiraachuu himan.
Sagantichaan haadholii kuma 4 hanga kuma 6 ta’aniif carraan hojii uumamuu kaasan.
Sagantichi dhiibbaa qaala’iinsa gatii akka dandamatu qooda fudhattootni deeggarsa isaanii akka cimsan gaafataniiru.
Soosinnaa Alamaayehutiin
#Oromia #Ethiopia