Ga’ee sagantaa Ashaaraa Magariisaa Damee Qonnaa keessatti…
Finfinnee, Adoolessa 22, 2018(FMC) – Bara 2011 inniisheetiivii Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad eegalchiisaniin kan jalqabame Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltoonni bilioyoona 48 ol marsaawwan saddetiin dhaabamuun jijjiramoota hedduu akka biyyaatti galmeessisuun seenaa addaa galmeessisiisaa jira.
Ka’umsi sagantaa kanaa qormaatawwan dhiqama biyyee,jijjirama qilleensaa fi hongee kanaan walqabatee yeroo yeroon mudatu ittisuu akka ta’e ragaaleen ni mul’isu.
Tarsiimoon kun waggaa waggaan ballachaa deemuun waggoota shanan jalqabaa keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun kan danda’ame yoo ta’u, biqiltuuwwan nyaataaf oolan kanneen akka fuduraa fi muduraafis xiyyeeffannoo guddaan kennameera.
Sagantichi uwwisa bosonaa Itiyoophiyaa jijjiruu keessatti shoora guddaa kan taphate yoo ta’u, uwwisa bosonaa biyyattii %13 irra ture gara %23tti guddachuu akka danda’ee ragaaleen ni mul’isu.
Bu’an gama guddina uwwisa bosonaan galamaa’e kunis, dameelee dinagdee addaddaa keessatti jijjiirama guddaa kan fide yoo ta’u, keessumaa damee misooma qonnaa keessatti qabeenya uumamaa deebisee bayyaannachiisuun, wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora gudaa taphachaa jira.
Biqiltuuwwan bosonaa sagantichaan dhaabaman lolaa fi ho’a garmalee hir’isuun haala qilleensaa qonnaaf mijataa uumuun misooma midhaanii fi beelladaaf haala miijataa uumaniiru.
Dhiqama biyyee ittisuu, gabbina biyyee dabaluu fi qabiyyeen bishaan lafa jalaa akka guddatu gochuunis hojii misooma qonnaaf shoora olaanaa taphateera.
Biqiltuuwwan oomisha midhaanii fi misooama looniin wal madaalan dhiyeessuun qonnaan bultootaaf madda galii dabalataa ta’eera.
Gama biraatiin, biqiltuuwwan daraaraa misooma dammaaf oolan misooma dammaa guddisuu bira darbee walhormaata biqiloota muduraa fi kuduraa saffisiisuun damee misooma qonnaaf ga’ee isaanii ba’aa jiru.
Walumaagalatti, Uwwisni bosonaa biyyattii %13 irraa gara %23tti ol guddachuu fi oomishni kuduraa fi muduraa akka muuzii, avaakaadoo fi maangoo fa’aa kilaasteraan dhaabamaniin wabii nyaataa fooyyeessuu dandeessisaniiru.
Kana malees namoota miliyoona 1.5 ol ta’aniif keessattuu dargaggoota fi dubartootaaf buufataalee biqiltuu fi hojii qonnaa keessatti carraan hojii sagantaa kanaan uumameera.
Jijjiirama akka waliigalattii dhufe kanarraa kan ka’es Itiyoophiyaan sadarkaa Idil Addunyaatti Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaatiin beekamtii argachuu dandeesseetti.
Bu’aan galmaa’uu eegale kun kana caalaatti jabaatee akka itti fufuuf, biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, ittifayyadamaa fi kunuunsa bishaanii cimsuu, biqiltuuwwan sanyii filatamoo teessuma lafaa fi qilleensa naannichaa waliin deeman adda baasanii dhaabuu, saganticha imaammata qonnaa ammayyaa fi qorannoo saayinsii waliin wal simsiisuu fi hojii eegumsa bishaanii fi biyyee dabalatee, teknoolojii ammayyaatti fayyadamuun baay’ee barbaachisaa akka ta’e hayyoonni damichaa ni gorsu.
Tarsiimoowwan Sagantaan kun akka biyyaatti iddoo olaanaa argatee caalmaatti akka itti fufuu fi bu’aalee kanneen akka galmeessuuf gargaaran keessaa tokko ammoo dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sadarkaa biyyaaleessaatti geggeeffamuu dha.
Baranas Adoolessa 27, 2018 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 800 dhaabuuf beellamni biyyaalessaa qabame guyyoota shan qofatu isa hafa.
Abbaa mul’ata kanaa kan ta’an Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad ergaa har’a dabarsaniinis lammiileen hundi sagantaa kana irratti hirmaachuun seenaa haaraa akka galmeessaniif waamicha dabarsaniiru.
Lammiilee fi jaal’attoonni biyyaa dhimmi dhugoomuu Ol-kaa’iinsa Itiyoophiyaa isaan dhimmamsus dammaqinaan ba’anii qaama seenaa kanaa ta’uun galmee seenaa irratti ni galmaa’uun eegama.
#Oromia #Ethiopia