Godinichatti Buna Toonii kuma 300 ol gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC) – Godina Lixa Oromiyaatti Buna Toonii kuma 300 ol gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhe Waajjrri Qonnaa godinichaa.
Bara oomishaa kana qulqullina bunaa eeguufi oomisha fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu ibse.
Qonnaan bultoonni teeknooloojiitti fayyadamuun haala qilleensaa oomisha bunaaf mijatu waliin wal simsiisanii hojjechuun oomisha isaanii dabalaa jiru jedhan Ogeessi qulqullina Bunaa Bulchiinsa Magaalaa Gimbii Kadir Huseen.
Itti Gaafatamaan Damee Qabeenya uumamaa Godina Lixa Oromiyaa Obbo Fayyisaa Hambisaan gama isaaniin Bunni madda galii qonnaan bultootaa ta’uu isaan xiyyeeffannoon kennameefii misoomaa jiraachuu ibsan.
Godina Lixa Oromiyaatti buna lafa hektaara miiliyoona 1.4 irratti misoomaa jirurraa Calllaan tooniin kumni 700 fi kumni 95 fi 438 kan eegamu ta’uu dubbatan.
Kana keessaa Toonii kuma 300 fi kuma 2 fi 277 gabaa giddu galeessaaf dhiyyeessuuf hojjetamaa jira jedhan Obbo Fayisaan.
Maabraatee Hundeetiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa