Fana: At a Speed of Life!

Goobee fi Shinooyyee Ifa Birraa lallaban….

Finfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC) – Goobee fi Shinooyyeen, sirna dukkanni gannaa goolabamee boqonnaan ifa birraa itti lallabamuudha.

Barri moofaan xumuramee barri haaraan yemmuu dhufu uumamni, biqiloonni fi haalli qilleensaa amala haaraa horatu.

Bacaqiin gannaa qooree dachiin abaaboo ilillii fi biqiltuu lalisaan uwwifamti.

Dargaggoonnii fi shamarranis yeroo hojii gannaa irraa boqotanii abdii haaraa uumamni tooraan fide kana simatan waan ta’eef, isaaniis dabaree isaanii abdii haaraan, gammachuu fi fuula ifaan gara dirreetti ba’u; ayyaana kabajatu, abdii haaraa simatu.

Ayyaana aadaa isaanii kanas Goobee fi shanooyyee jedhanii waamu.

Goobee fi Shinooyyeen naannoo Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti kan kabajamu ta’ee, garuu immoo bifa garaagaraatiin kan taphatamuu dha.

Aadaa Oromoo keessatti dhaloota irraa dhalootatti darbuun kandhufe goobeefi Shinooyyeen, keessumaa yeroo birraan bari’u, dargaggoonnii fi shamarran uffata aadaa uffachuun, sirbaafi tapha aadaa keessatti hirmaachuun gammachuu fi hawwii gaarii isaanii kan ittiin ibsataniidha.

Taphoonni aadaa kun seenaa fi eenyummaa Oromoo dhaloota haaraatti dabarsuu qofa osoo hin taane, aadaa dagatamaa dhufe deebisuuf, walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu fi hawwattummaa tuurizimii Oromiyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabu.

Qeerroofi qarreen booqaa birraa faaruu, weedduu fi sirboota garagaraan kan simatu.

Abdiifi gammachuu bari’uu birraatti, galata Uumaafi umamaaf qaban shamarran shinooyyeedhaan, foollen immoo goobeedhaan ibsatu.

Sirni Goobees abdii, booruu gannaa irraa gara booqaa Birraatti tarkaanfachuuti; hofkaltii ce’umsa gannarraa gara Birratti tarkaanfachuu Uumaan ka ittiin galateeffamuudha.

Birraan abdiidha, araara, badhaadhinaafi gammachuudha; Oromoon falaasama isaa keessatti birraadhaan Booqaa jedhee kan faarsuus kanaafi.

Dargaggeessi Goobeedhaan goota faarsa; ittiin misoomaafi nageenya faarsa; ittiin dhaadatas.

Goobeefi shinooyyeen, sirnoota missiraachoon rakkoorraa gara qananii, gidirfamuurraa gara nageenyaatti ce’uu; haalonni cichoominaan maqfamuu; boqonnaa haaraan banamuu ittiin ifoomanidha.

Kanaafis, qarreewwan dhallaadduu jiidhaa qabatanii, nagaa, gammachuu, badhaadhinaa fi tasgabbiin qe’eefi araddaa maratti akka tiifu, kan duule nagaan akka galu, dukkanni waldhabdee darbee ifti nagaa akka goobanu weedduun labsu.

Kuni immoo ummanni Oromoo dhaloota nagaa leellisu, walooma hawwuu fi labata ofta’ee jiraatu ittiin qajeelchudha.

Sirni Goobees ta’ee shinooyyee ittifufiinsa firiifi sanyii irratti kan xiyyeeffataniidha.

Qeerroo fi qarreen riqicha dhaloota darbeefi dhaloota dhufuu ta’anii tajaajilu.

Goobeefi Shinooyyee/Aseesaan dhaloota haaraa gara duudhaa ganamaatti deebisuu keessatti shoorri isaan taphatan laayyoo miti.

Goobeefi Shinooyyee warreen bultii horatan kan hin taphanne yoo ta’uu dargaggoota umrii waggaa 12-25 qofatu taphata.

Aadaan boonsaa mirga dargaggoo fi shamarranii kabajuufis ta’e walitti dhufeenya uumaa fi uumama gidduu jiru ibsuuf gargaaru kun ammas cimee, haara’ee, jabaatee itti fufeera.

Tsahaay Gulummaatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.