Oromiyaatti galmeen barattootaa bara barnootaa 2019 eegale
Finfinnee, Hagayya 14, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti galmeen barattootaa bara barnootaa 2019 guyyaa har’aa eegaleera.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon galmee barattootaa bara barnootaa 2019 guyyaa har’aa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti eegalchiisaniiru.
Dooktar Tolaa Bariisoon wayita kana, Mootummaan Naannoo Oromiyaa barnoota irratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia