Itiyoophiyaa fi Ameerikaan damee loltummaa fi nageenyaan waloon hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Ameerikaan damee loltummaa fi nageenyaan tumsa tarsimawaarratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.
Jilli loltummaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti Daayrektera Hariiroo Alaa fi Tumsa Loltummaa Meejar Jeneraal Tashoomaa Gammachuun durfamu Ameerikaatti daawwanna hojii taasiseera.
Jilichi daawwannaa isaan Ministira Raayyaa Ittisaa Ameerikaa (Peentaagoon)keessatti itti aanaa gargaaraa Ministira Dhimmoota Afrikaa Biraayaan Jee Eelisifi hoggantoota olaanoo biroo waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Marii isaaniin, biyyoonni lameen tumsa dippiloomaasiifi loltummaarratti qaban gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf waliigalteerra gahaniiru.
Tumsi tarsimaawaa faayidaa biyyaalessaa fi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu akkasumas wal amantaa waloo cimsuun Gaanfa Afrikaa fi naannawichatti nageenya waaraa fi tasgabbii bu’ureessuuf kan kayyeeffateedha.
Biyyoonni lameen hammattoo tumsa waliigaltee saffiisaan gara hojitti galchuufi gara michummaa tarsimaawaatti guddisuuf murannoo qaban mirkaneessaniiru.
Dabalataaniis, garichi hoggantoota dhaabbilee Ameerikaa biroo waliin marii taasisuun daawwannaa taasisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.