Fana: At a Speed of Life!

Haal Siitii Maanchister Yuunaayitiid waliin….

Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) – Pirimeer liigii Ingiliiz bara dorgommii 2026/27’n sagantaan torban jalqabaa har’as itti fufa.

Taphni liigichaa kaleessa galgala Arsenaalii fi Kooventrii Siitii gidduutti taasifameen kan eegale yoo ta’u, Arseenaal galchii 3-0’n Koonvetrii Siitii injifateera.

Har’a guyyaa sa’aatii 8:30 irratti Maanchister Yuunaayitiid dirree isaan ala imaluun Haal Siitii waliin tapha bara dorgommii isaa eegala.

Akkasumas, Eevartan Kiristaal Paalaas waliin , Ipiswiich Taawun Saandarlaand waliin akkasumas Nootinghaam Foorestii Liids Yunaayitiid waliin Sa’aatii 11:00 irratti ni taphatu.

Halkan Sa’aatii 1:30 irratti immoo Bireentifoord Tootenhaam Hoostpaar waliin ni taphatu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.