Imala Saffisaa Dijiitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa
Finfinnee, Fulbaana 14, 2019 (FMC) — Yeroo ammaa Itiyoophiyaan ce’umsaa teeknooloojii fi guddina dinagdee saffisaa fi hunda galeessaa geggeessaa jirti.
Sirna hojii waraqaa irratti hundaa’e gara sirna dijitaalaatti jijjiiruun, Itiyoophiyaan Afrikaa keessatti giddugala dinagdee dijitaalaa cimaa fi teeknooloojii ta’uuf ciminaan hojjechaa jirti.
Ce’umsa dijitaalaa kanaaf sanada bu’uuraa ta’ee kan tajaajilu Tarsiimoo Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 yoo ta’u, marsaan jalqabaa tarsiimoo dijitaalaa kun milkaa’inaan xumuramee, inni lammaffaan Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojiirra oolaa jira.
Tarsiimoo dijitaalaa jalqabaa keessatti bu’uuraalee misoomaa telekoomii bal’inaan babal’isuun, neetworkiin dhaloota arfaffaa (4G) magaalota 1,200f, akkasumas neetworkiin dhaloota shanaffaa (5G) saffisa olaanaa qabu magaalota 33f akka galu ta’eera.
Kunis lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman addunyaa dijitaalaan walitti hidheera. Telebirr fi CBE’n sirna sochii maallaqaa fi sirna daldalaa guutummaatti jijjiiranii jiru. Yeroo ammaa lakkoofsi fayyadamtoota Telebirriis miliyoona 61 ga’eera.
Rakkoo tajaajilaa fi malaammaltummaa hir’isuuf, tajaajiloonni mootummaa gara sirna dijitaalaatti guutummaatti ce’aa jiru. Kanaafis, tajaajiloonni bakka tokkoo kanneen akka Masoob lammiileen tajaajiloota hedduu bakka tokkotti akka argatan taasisaa jiru.
Gama misooma hubannoo namtolcheetiinis, Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa giddugala humna sochoostuu ta’uun, rakkoolee qabatamaa biyyattii furuuf furmaatawwan teeknooloojii irratti hundaa’an guddisaa jira.
Biyyattiin humna damee teeknooloojiin qabdu guddisuun, giddugala birmaddummaa fi badhaadhina dijitaalaa Afrikaa ta’uuf hojjechaa jirti.
Fedhii teeknooloojii kana yeroo dheeraaf deeggaruufis, sagantaan koodaroota miliyoona shan leenjisuu gaggeeffamaa jira.
Dandeettiin raawwachuu Itiyoophiyas eeknooloojiin deggeramecimee dhufuu isaatiin, hirkannaan oomishaalee fi teeknooloojiiwwan alaa irratti duraan ture hir’isuun, dinagdee dijitaalaa cimaa fi dandeettii ofiin dhaabbachuu qabu ijaaruuf bu’uura kaa’aa jirti.
Walumaagalatti, ce’umsi dijitaalaa yeroo ammaa mul’achaa jiru boqonnaa imala kanaa itti fufee dha.
Dargaggoota koodingiin leenjisuu fi kalaqa teeknooloojii biyya keessaa deeggaruun, Itiyoophiyaan seenaa haaraa barreessaa jirti.
Guddinni teeknooloojii fi dandeettiin hojiirra oolmaa kun qananii namoota muraasaaf qofa kan kennamu osoo hin taane, Itiyoophiyaa ammayyaa fi dandeettii ofiin dhaabbachuu qabdu ijaaruuf mootora guddinaa ijoo ta’uu isaa biyyattiin hojii qabatamaan mirkaneessaa jirti.
Tigisti Gizaachoon
#Oromia #Ethiopia