Indaastiriin bara ammaa aaraa fi sibiila qofa osoo hin taane Hubannoo namtolcheetis– Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 6, 2018(FMC) – Indaastiriin bara ammaa aaraa fi sibiila qofa osoo hin taane Hubannoo namtolchees ta’uu ibsan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala guddinaa fi babal’ina Indaatirii Oomishaa Itiyoophiyaa ilaalchisee mata duree ‘ Onnee Birmadummaa’ jedhuun EBC waliin turtii taasisaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad warraaksa Indaastirii 4ffaa ilaalchise yaada kennaniin, Indaastiriin Warraaksa 4ffaa yaadama aaraa fi sibiila jedhurra darbee ‘Chips fi Data’ kan hammateedha jedhan.
Indaastirii Warraaksa 4ffaa keessatti wantoota caqafaman keessaa tokko Hubannoo namtolcheeti jedhan.
Hubannoon namtolchee akka dur fagootti ilaallu sana osoo hin taane amma diinqa keenya seeneera jechuun ibsan.
Waraanni Giddugaleessa Bahaatti amma gaggeeffamaa jiru illee Hubannoo namtolchee haala olaanaan fayyadamaa jiraachuu kaasan.
Damichi Indaastirii keessatti jijjiirama raajii fidaa jiraachuu eeruun, gabaa walitti hidhuu, saffisaa fi oomishtummaa guddisuun gahee olaanaa bahachaa jira jedhan.
Sosochii dhala namaa keessatti tajaajila olaanaa kennaa akka jiru dubbachuun, Roobootiiwwan warshaalee keessatti bakka namaa bu’uun hojjechaa jiraachuun sadarkaa guddina Indaastiriif agarsiiftuu ta’uu himan.
Abeel Nawaayiin
#Oromia #Ethiopia