Fana: At a Speed of Life!

Israa’eelii fi Libaanos marii dippiloomaasi fuulaa fuulaa eegaluufi

Finfinnee, Ebla 6, 2018(FMC) – Israa’eelii fi Libaanos waggoota 30’n booda yeroo jalqabaaf marii fuulaa fuulaa Waashingitan DCtti eegaluuf ta’uu gabaafame.

Mariin dippiloomaasii kun waraana hamaa Israa’eelii fi Hizboolaahii gidduutti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf abdii guddaan kan itti kennameedha.

Israa’eelii fi Libaanos nageenya waaraa buusuuf karaa bakka buutoota isaanii mari’achuuf ta’uu ‘Arab News’ Mootummaa Ameerikaa wabeeffachuun gabaaseera.

Ministirri Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiiyoo, Ameerikaatti Ambaasaaddarri Israa’eel Yizyeel Leeyitarii fi Ameerikaatti Ambaasaaddarri Libaanos Naadaa Hamdaahi Mawaad maricharratti ni hirmaatu jedhame.

Waliigaltee dhukaasaa dhaabuu Ameerikaa fi Iraan akka citu sababa kan ta’e dhimmi Libaanosii fi Israa’eel qophaatti mariif dhiyaachuufi.

Haa ta’uutii aanga’oota Libaanosirra amantaa baay’ee kan hin qabne Hizboolahiin, waraana Israa’eelii waliin gaggeessaa jiruuf ejjennoon Iraan akka eegamu fedhii olaanaa qabaachuutu himame.

Hizboolaahiin waraanni Baha Giddugaleessaa erga eegalee torbeewwan booda Kaaba Israa’eel Misaa’elaa fi Dirooniin haleeluun ifatti waraanaatti makame.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Isaa’eel waliin bara Faranjootaa 2024 taasifame cabsuun waraana eegale.

Israa’eel humna waraanaa garichaa dadhabsiisuuf Qilleensaa fi lafoon duula waraanaa kan eegalte yoo ta’u, waraana kanaanis namoonni kumni 2 fi 89 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Miikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.