Israa’elii fi Heezbollaan Waliigaltee Dhukaasa Dhaabuu irra Ga’an
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – Israa’elii fi gareen hidhataa Liibanoos Heezbollaan dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun kan dhiyaate erga gareen lamaanuu har’a ganama dhukaasa walitti banuun isaanii ibsamee booda.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun har’a waaree booda hojiirra ooluu kan jalqabe yoo ta’u, dhukaasni gama lamaaniin taasifamu yeroof akka dhaabatu ibsameera.
Waraanni Israa’el har’a ganama haleellaa Heezbollaan irratti raawwateen loltoonni isaa afur ajjeefamuu ibsuun, haleellaa deebii kenneen iddoowwan xiyyeeffannoo garee sanaa 80 ol irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiiseera.
Israa’el halkan walakkaa irraa eegalee haleellaa raawwateen lammiileen 47 du’uu isaanii Ministira Fayyaa Liibanoon wabeeffachuun BBC’n gabaaseera.
Waliitti bu’iinsi Israa’elii fi Heezbollaa itti fufuun isaa waliigalteen nagaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti dhiyaate hojiirra akka hin oolle gufachiisaa akka jiru ibsamaa tureera.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu har’a irra gahame kun waliitti bu’iinsa Liibanoos keessa jiru dhaabsisuu malees, waliigaltee nagaa Ameerikaa fi Iraan jabeessuu keessatti gumaacha guddaa akka qabaatu ibsameera.
Mikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia