Itiyoophiyaan gurgurtaa elektirikaa irraa galii Doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 77 argatte
Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan bara baajataa 2018 gurgurtaa elektirikaa irraa galii Doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 77 argatteetti jedhe Ministeerri Bishaaniifi Inarjii.
Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif akka ibsetti, humna elektirikaa maddeen anniisaa garaagaraarraa argaman guddisuuf hojiilee hojjetamaniin bu’aa qabatamaan argameera.
Haaluma Kanaan bara baajataa 2018 maddeen anniisaa garaagaraa irraa humni elektirikaa meegaa waattiin kumni 9 fi 730 ol maddisiifamuu eereera.
Humna elektirikaa argameenis waliingahiinsa elektirikaa magaalaafi baadiyyaa cimsuun lammiilee hedduu fayyadamoo gochuun akka danda’ame ibseera.
Galii sharafa alaa gurgurtaa humna elektirikaarraa argamu guddisuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan hojjetamuus kaaseera.
Bara baajatichaatti gurgurtaa humna elektirikaa irraa galii Doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 27 argamsiisuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni 400 fi miiliyoonni 77 argamuu ministeerichi mirkaneesseera.
Hanga gurgurtaa humna elektirikaa guddisuuf kutannoon hojjetamaa akka jirus kaaseera.
Itiyoophiyaan naannawichatti walitti hidhamiinsa anniisaa cimsuuf xiyyeeffannoofi qindoominaan kan hojjettu ta’uus ibseera.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia