Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan muuxannoo hubannoo namtolchee irratti qabdu qooduuf qophiidha- Dooktar Injinar Warquu Gaachanaa

Finfinnee, Ebla 6, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan muuxannoo hubannoo namtolchee irratti qabdu biyyoota Afrikaaf qooduuf qophiidha jedhan Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Warquu Gaachanaan.

Jilli Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beeysooloow Niyaatiin durfamu Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa daawwateera.

Dooktar Injinar Warquu Gaachanaan wayita kana hojiilee dhaabbatichi rakkoolee hawaasaa furuuf hojjete irratti ibsa kennaniiru.

Inistiitiyuutichi tumsa ardiichaa irratti xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu fi muuxannoo isaa biyyoota Afrikaa biroof qooduuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beeysooloow Niyaatiin gama isaaniin hojii Itiyoophiyaan damichaan hojjechaa jirtu dinqisiifachuun, mikaa’inni kun biyyoota Afrikaa biroof keessattuu Laayibeeriyaaf beekumsa guddaa kenna jedhan.

Laayibeeriyaan muuxannoo Itiyoophiyaa akka fudhattu kaasanii, teeknooloojiin guddina ardichaaf wabii ta’uufi barnoota irratti xiyyeeffatamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Daawwannaan kunis biyyoottan lameen gidduutti damee Hubannoo Namtolcheen boqonnaa tumsaa haaraa kan banu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.